Weerarri attamiin dhaabataa laata?

Ammaan tanatti haala kana dura tureetiin addatti addunyaan weeraraan dhiphataa jirti. Ummanni kana keessaa bahuuf talaallii abdii gochuun eeggataa jiraatulleen, dhugaan jiru garuu infekshiniiwwan ababuduroowwan keenya mudatanii turan ammalleen nu waliin jiru.

Weerarawwan kana dura mudatanii turan mudatanii turan attamiin akka badan irratti gorsa si fayyadan argachuuf gadi sololchiichaa ⬇️

Jaasmiin jedhamti.

Akkuma keenya, abaduroowwan ishee weerarawwan hedduu dabarsaniiru.

Duubatti deebii'uu dhibeewwan attamiin akka isaan mudatanii turan haa ilaalu.

Dhiibee hamaa- Weerarri hamaan badiinsa sukaneessaa qaqabsiise kun hanga ammaattu nu waliin jira.

Erga weerarri jalqabaa 541 ADtti mudateen booda, weerarri sadii kan biraa mudateera.

Bara durii, gara dhaloota 60 dura, firoonni Jaasmiin haala weeraraa baayyee cimaa keessa turan.

Dhukkubichis karaa baakteriyaa tafkii antuuta irrafi coba nama dhukkubichaan qabameen kan darbu yoo ta'u, miidhaa olaanaa qaqabsiise ture.

Baakteriyaan yesiniyaa pestiniyaa jedhamus gosa antuutaa muraasa irraa walitti darbaa ture.

Fakkii baakteriyaan yesiniyaa pestiniyaa jedhamuufi tafkii antuutarratti argamuu.

Innis waggoota 2,000 keessatti namoota dhibba hedduu ajjeesseera.

Duuti Gurraachi bara 1346-1353tti mudate tures weeraroota hunda caalaa miidhaa qaqabsiisuu amanama.

Weerarichi miliyoonota kan ajjeessee yoo ta'u, amma garuu muraasaatu du'a.

arrow Du'a ammaa: *584
Du'a waliigalaa: Hanga M 200
*Lakk 2010 - 2015 Hubachiisa: Lakkoofsi ummata addunyaa yeroo gara yerootti dabalaa jira malee, osoo lakkoofsi ummataa xiqqaa ta'ee miidhaa dhukkuboota kana duraa olaannaa ta'a ture. Maddi: Waraqaa qorannoo akaadaamii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Dhukubni qaamaafi linfi noodiiwwan akka dhiitawan taasisaniifi buboyee jedhaman, dhumarratti adda baasuu cimaafi qulqullina dhunfaa fooyyessuun to'atamu danda'aeera.

Haata'u malee, dhukkubichi attamiin akka darbu osoo hinhubatamiin kun ta'u akka hindanda'amne dubbatu, Koleejjii Imperiyaal Kolleej Landaniitti, pirofesarri dhukubbota dadarboo, Istivan Riiley.

'Tokkicha waa'ee dhukkubichaa bartee, kan hubattee warra kaaniitiif qoodinaan, tatamsa'ina hiri'suuf tarkaanfiiwwan fudhachu ni dandeessa'' jedhu.

Ammalleen dhukkubichi ni mudata- fakkeenyaaf Adooleessa darbe keessaa Mongoliyaatti mudatee ture. Kanaafu, ammas namoonni ittiin qaamuu ni danda'ama jechuudha.

Baayyinni namoota dhukkubichaan qabamanii gadaanaa yoo ta'u, amma qoricha antibaayotikiitiin sirritti walaanaun ni danda'ama.

Maariyyee- Vaayirasiin maariyyee saayinsiin dachee irraa akka badu taasifameera.

Weerarri isaas yeroo adda addaatti addunyaa kan mudate yoo ta'u, jalqaba bara 1520 galmaa'e.

Waggoota dhiibootan booda, abudoowwan Jaasmiin weerara maariyyee kun mudateera.

Dhibeen vaayirasi vaariiyoolaa maayinar jedhamuun dhufu kun, kannee ilmaan namoota miidhan keessaa tokko.

Innis dhitoowwan malaa gudunfatan qaama dhukkubsataa gutuutti kan naqu yoo ta'u, yoo cime 10 keessa sadii ni du'u.

Inni karaa coba funyaaniifi afaan nama dhukkubsateefi madaatiin darba.

Vaayirasiin maariyyee vaariiyoolaa maayinar jedhamu beeladoota hinmudatu.

Fakkii vaariyoolaa maayinar

Akkuma weeraraa, maariyyeenis namoota miliyoona dhibbaa ajjeesseera.- Jaarraa 20ffaa qofaatti miliyoona 300.

Maariyyeen yoo xinnaate mooliyoona 350 kan ajjeesse yoo ta'u, har'a omtu ittiin hindu'u.

Du'a ammaa: 0
Du'a waliigalaa: Yoo xinnaate M 350
Maddi: Waraqaa qorannoo akaadaamii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Garuu, galanni Dr Biritish Ediwaard Jeener kan talaalli dhukkubicha bara 1796tti hojjataniifi hawaasa qorattootaaf haa ta'uutii, balleessuuf jaarraawwan lama fudhatulleen gutummaatti balleessuun danda'ameera.

Maariyyeen dhukkuba namoota miidhiif kan gutummaan addunyaa tanarraa balleeffameedha. Pirofesar Riliin maariyyee balleessuu akkuma ilmaan namaa addeecha irra qubataniitti injifannoodha jedheera.

'Fiixaan bahiinsa olaanaa bu'aa ilmaan namootaaf maallaqni itti baheedhas'' jedhan, waan erga dhukkubichi badee addunyaan oolfattee caqasuun.

Sababii fiixaan bahiinsa saayinsi kanaatiif, nuu fi addunyaan sodaa maariyyee irraa bilisa taaneera.

Koleeraa- dhibeen kunis bal'inaan biyyoota hiyyeeyyii keessatti mudata.

Hanga maattis yeroo garaa garaatti mudateera, garuu kan 1817 isa olaanaadha.

Yeroo sanattis abudoowwan Jaasimiin koleeraan mudatee ture.

Akka ragaa WHOtti sababii weerarri koleeraa nyaataafi bishaan faalameen dhufuuf yeroo tora ka'eetiin, namoonni miliyoonootaa du'aniiru. ,

Dhukkubicha kan nama qabsiisuuf bishaaniif nyaata baakteeriyaa vibrioo koleeraa jedhamuun faalameetiin

Fakkii baakteeriyaa vibriyoo koleeraa agarsiisu

Biyyoota guddattan biratti haala qulqulinaa fi eegumsa nnaannoo fooyyeessuun yaaddoo dhukkuba kanaa balleessuun danda'amulleen, biyyoota galii gadaana ta'an keessatti mudachuun waggaan namoota kuma 100 hanga 140 akka ajjeessuu WHOn ni mul'isa.

Koleeraan miliyoonota kan ajjeesse fi ammaas kumaatamni itti kan du'aniidha

arrow Du'a ammaa: *95,000
Du'a waliigalaa: M 40 tilmaamama
*Waggaan kan tilmaamamu Maddi: Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Ali M, Nelsan AR, Lopez AL, Sock DA (2015) Dhiibbaa weerara Koleeraa biyyoota Addunyaa Haaromfame

'Dhiyeessitiin bishaan qulqullu koleeraa ittisuuf murteessaadha'' jedhu Prof Riliiy. ''Kanaafu bishaan faalamnaan battalumatti faca'a.''

Sababa kanaan amaatti talaalliifi wallaansi dhukkuba kanaa jiraatulleen, namoonni haaluma bakka jiraataniitiin dhukkubichaan qabamuufi ittiin du'u danda'u.

Influuweenzaa- haala yerootiin walqabatee kan mudatudha

1800- 2020tti weerarriwwan hedduun mudataniiru

Maatiin Jaasmiin weerarawwan influweenzaa hedduu keessa dabaniiru. Inni cimaan kan galmaa'ees jalqaba jaarraa 20ffaatti, tibba abaabileen ishee lubbuun turaniitti.

Weerarri Influuweenzaa bara 1918 mudatefi Ispaanish Flu jedhamuun beekamus, weerara isa cimaa addunyaa gutuutti namoota miliyona 50-100 galaafateedha.

Tarkaanfiiwwan amma koronaaf fudhatamaa jiruu fakkaatuun tatamsa'inni isaa hir'isuun danda'ameera.

Vaayirasiin H1N1 jedhamutu weerara Ipaanish Filuu fida

Fakkii vaayirasii H1N1 agarsiisu

Weerara Ispaanish Filuu 1918 fi 1920 budateen booda,gosti vaayirasii H1N1 baayyee miidhaa hinqaqabsiisne ta'un ammalleen waggaa waggaan inuma dedeebii'aa jira.

Sababii Ispaanish Filutiin miliyoonoonni kan du'an yoo ta'u, ammas filuun waqtii eeggatee ka'u ajjeessatuma jira.

arrow Du'a ammaa: *Filuu waqtiin mudatuun hanga 650,000
Du'a waliigalaa: Ispaanish Filuu irraa M 50 ol
*Waggaan kan tilmaamamu Hubachisa: Baayyinni namoota filuu waqtii eeggate ka'uun du'aniis kan weerara filuutiin adda Maddi: Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Jidduugala To'annoofi Ittisa Dhukkubootaa

Garuu gostiwwan Influuweenzaa gara biraa umamaniiru.

Filuun Infiluuweenzaa Hong Kong 1968 namoota mil tokko kaa ajjeesse yoo ta'u, ammas waqtii eeggachuun deddebii'aa jira. Akkuma Filuu Swin, gosti vaayirasii H1N1 bara 20109tti ummata addunyaa %21 faaleera.

Filuun ''weerara rakkiina' ta'uu itti fufeedha kan jedhan Prof. Rileeyi, Jaasmiinifi nuti hundi balaa weerarawwan vaayirasiiwwaniin dhufan kan biraa mudachuu ittuma fufa jedhan.

Akkasumas balaa filuu waqtiin mudatuufi waggaa waggaa kuma dhiwwan ajjeessuu itti fufeen qabamu jala jirra.

HIV/AIDS- weerara itti fufee jiru

1981- ammaatti

Maatiiwwan Jaasmiin waggoota 40 dura tatamsa'in HIV/AIDS keessa jirataaniiru. Muraasni dhukkuba kanaan weerara jedhan illeen WHOn garuu isaan gadi akka ta'eetti ibseera.

Vaayirasiin Dandamannaa Dhiibee Namootaa (HIV)n-karaa dhagala'aa qaamaatiin dadarba. Innis hanga ammaatti addunyaarratti badiinsa lubbuu miliyoona 32 ol qaqabsiiseera.

HIVn sirna dandamannaa ilmaan namaa miidha

Fakkii Vaairasii HIV

HIV mallattowwan isaa adda baasuuf yeroo fudhatuufi du'a qaqabsiisee yaaduun ''Vaayirasii baayyee balaafamaa'' jedhamu Pirof. Rileeyi ni dubbatau. SAbabii namoonni vaayirasichaan qabamusaanii hinbeekneefu hariitiin babalatee ture.

Haata'u malee, fooyya'insa wallaansaafi duula fayyaa ummata addunyaatiin, ammalli saal-quunnamtii akka geedaramuufi kanneen qoricha fudhataniif dhiyyeessitiin qorichaa dabaluudhaan, infekshinichi akka hinbabalannee gargaareera.

Kun ta'ee osoo jiruu ammoo, 2019 keessa namoonni kuma 690 ta'an AIDSn du'usaanii ragaan WHO ni mul'isa.

HIV/AIDSn miliyoonota ajjeesse amma kumaatamni ittiin du'aatuma jiru

arrow Du'a ammaa: *690,000
Du'a waliigalaa: M 32
*Lakk bara 2019 irraa Maddi: Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

HIV irraa fayyuun hindanda'amu ta'ulleen, yoo biyya kunuunsi fayyaa gaariifi qorichi farra vaayirasichaa itti argatamu keessa jiraatame, namni jireenya bara dheeraafi fayyaan jiraachu ni danda'a.

Haata'u malee, namoonni biyyoota guddinarratti argamaniifi tajaajilawwan akkasii hinargamnee keessa jiratan ammoo balaaf ni saaxilamu.

Saarsii fi Mars- Koronaavaayirasii haala salphaan to'ataman

2002-2--3 fi 2-12- ammaatti

Jaarraawwan lamaafi sadiin booda- umurii Jaasmiin mataasaa -yaaddoowwan Saarsiifi Marsi mudateera.

Dhukkuba qaama argansuu cimaa kan ta'e Saars- dhukuba hamaa koronaavaayirasiin mudate kan jalqabaati. Innis 2002 fi 2003 jidduutti 800 ol ajjeessuu WHOn ni mul'isa.

Koronaavaayirasiin Saarsi (Sars-Cov jedhamuun beekamuus) kan barame 2003tti

Fakkii koronaavaayirasii (Sars-Cov) agarsiisu

Dhuma Hagayya 2003tti, mudannoon haaraan waan hingabaafamneef WHOn dhukkubichi yaaddoo addunyaa ta'uunsaa hafuu labse.

Booda keessas Jiddu gala Bahaatti dhukkubni koronaavaayirasii Maarsi jedhamu mudachuun namoota 912 ajjeesseera. Mudannoo irra jireessii kan qaqabee galaana Galoo Araatti ture.

Vaayirasii Mers-CoV jedhamufi, fakkeenyaaf UK keessatti ittiin qabamuun gadaanaa ta'e kanaaf saaxilamuun biyyoota Jiiddugala Bahaa keessattinolaanaadha. Innis tutuqaa namoonni gaala waliin qabaataniif.

Saarsi namoota 800 ol ajjeese.

Du'a waliigalaa: 813
Maddi: Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Namoonni ammalleen Saarsii qabamu kan danda'an yoo ta'u, biyyoota hedduu keessaatti balaansaa gadaanaadha.

Covid-19, 2019- hanga ammaatti

2019- hanga ammaatti

Ammas, bara Jaasmiin fi jireenya keenyatti koronaavaayirasiin Saarsi kan biraa nu mudatera. Innis dhukkuba argansu kan ta'e Covid-19 dha.

Sars-Cov-2 kan danaa gara biraa vaayirasii Saarsi 2003tti mudatee kunis qorattoota dhukkubichaatiin akka addaatti ibsameera. Dhukkubich kaan irratti mallattoo osoo hinagrsiifne kan ajjeessuu yoo ta'u, kaaniin mallattoo hinqabnee ykn osoo mallattoo hin agarsiisiin dura garmalee dadarba.

'Sababii kanaafuu, ummattoonni hedduun to'achuu hindandeenye'' jedha Prof. Rileeyi.

Vaayirasiin Sars-Cov-2 kunis vaayirasii Sars 2003 walitti dhufa

Fakkii vaayirasii Sars-Cov-2 agarsiisu

Hanga ammaatti namoonni mil. tokko ol kan vaayirasichaan du'an yoo ta'u, waliigalli garuu kanaa ol caalu akka danda'u tilmaamama. .

Vaayirasichaan hanga ammaatti miliyoonni tokko ol du'aniiru.

Du'a waliigalaa: ?
Du'a ammaa: Mil. tokkoon ol
Maddi: Yunivarsitii Joons Hopkiins

Osuuma adamoon talaalliifi wallaansa bu'aa qabeessaa itti fufee jiruu, balaa dhukkubichaa ummata addunyaa biratti yaaddeessa ta'etuma jira. Jaasmiinis akkuma keenya baraatti argamti.

Itti aanee maaltu ta'aa?

Kanaafuu koronaavaayirasiin ammaan tana hawaasa keenya keessa fac'aa jirus weerara vaayirasiifi baakteriyaan dhufu keessaa tokko.

Hubachiisa: Lakkoofsi ummata addunyaa yeroo gara yerootti dabalaa jira malee, osoo lakkoofsi ummataa xiqqaa ta'ee miidhaa dhukkuboota kana duraa olaannaa ta'a ture. Maddi: Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Jidduugala To'annoofi Ittisa Dhukkubootaa, waraqaa qorannoo akaadamii, Yunivarsitii Joons Hopkins

Weerarawwan kana dura mudatan dhaabuu keessattis hubannoo qabaachuun, dulliiwwan fayyaa hawaasaa, talaaliifi wallaansi haaraan gahee olaanaa bahaniiru.

Koronaavaayirasii amma addhunyaa raasaa jiruu dhaabuufis tarkaanfiiwwa qindaa'aa walfakkaatutu barbaachsa.

Talaalliiwwan ''nagaa, bu'aa qabeessi'' weerara kana dhaabuuf gargaarulleen, garuu talaallii qabatamaan yoo akka argamu rakkiisaa ta'u Prof. Rileey ni dubbatu.

Kanarra adeemsa keessaa dandeettii dandamannaa umammaa horachuun dhukkubicha waliin jiraachurra geenya ta'a.

'Mirkana waggaa shan ykn isaan gadiitti, talaallii dhuguma gaarii ta'eef addunyaan hundi itti fayyadamu arganna ykn dandeettii dandamannaa uummachuun attamiin akka weerara deebii'e ka'u waliin akka itti jiranu qabaanna ta'a,'' jedhan.

Maariyyeen addunyaarra bade akka mirkaneesseetti, hawaasni saayinsii addunyaa waliin hojjannaan waanti guddaan argamu danda'ama.

Koronaavaayrasii haaraan kun sababii sadarkaan mallattoo osoo hinagrsiifne darbuusaa olaanaa ta'eef, rakkoo cimaa ta'aa jiratulleen,walta'iinsi addunyaa ''dinqisiisaan'' garuu bu'aa gaarii argamsiisuu danda'a jedhan Prof Rileeyi.

'Hojiin walta'insaa piroaktii koronaavaayirasii irratti hojjatamu kanan dura gonkumaa ta'ee hinbeeku, jedhan. '' Qabxii tokkorratti fiixaanbahiinsaa waloo akka ta'uun abdadha.''

Haata'u malee, koronaavaayirasiin weerarawwan kana dura ummata aadunyaa ajjeesan ammas naannawa keenya jiraachusaanii akka yaadanu nu taasisa. Balaansaa dhaabbatulleen, vaayirasiifi baakteeraawwan akkasuma faalamni qaqabsiisan ammalleen ni jiru.