Nyaata salphaafi uumamaan argamu: Soorata injifattoota maaraatooniitti humna horu
Dorgommiin fiigicha maaraatoonii erga bara 1896 Olompikiin ammayyaa eegalee kaasee, dorgomamaa jira.
Fageenya km 42.2 saffisaan fiiguun dorgommiiwwan cimina olaanaa barbaadan keessaa tokkodha. Akkasumas atileetonnis annisaa olaanaa akka guban taasisa.
Ofii atileetonni kunneen humna hangamii gubuu?
Bara ispoortii ammayyaafi nyaata madaalawaa saayinsiin deeggarame kana keessatti atileetota maaraatonii rikardii addunyaa qaban kanneenitti nyaata akkamiitu humna itti hora?
Mee amma atileetota ciccimoo lama maaraatoonii dhiiraafi dubartootaatiin riikardii addunyaa qabatan Iluud Kiipchoogee fi Biriijiid Kosgeey gosa nyaata isaan sooratan haa ilaallu.
Atileetonni lamaanuu dorgommii Olompikii Tookiyoof osoo shaakalanu argannee waa'ee muuxannoo soorata isaanii baruuf yaalii taasifneerra.
Odeessa kana keessa jechoota gurraacha'aan tuquun nyaatawwan annisaa kennan muraasaa fi dhugaatii Biriijiit fi Iluud sooratan hubachuu dandeessu.
Shaayii burcuqqoo tokko (sukkaara maankaa 3 waliin) = kaalorii 90
Maaraatooniin dorgommii dafqa baayyeen itti dhagala'u waan ta'eef dhugaatiiwwan muraasaan haa eegallu. Keeniyaa waan ta'eef, shaayiin filannoo isaanii baramaadha. Sukkaara muraasa itti dabaluun dorgomtoonni dafanii gara sochiitti akka seenan gargaara.
mi'aawaan atileetota Keeniyaa hedduu biratti jaallatamaadha. Qorannoon tokko akka himeetti kaarbohaayidireetii sooratan keessaa 1/5ffaan sukkaararraa argama.
Kan nama dinqu atileetonni muraasa tibba shaakalaas bishaan caalaa shaayi dhugu! Mee kubbaayyaa shan kan kaalorii 450'n wal qixxaatun haa eegalu.
Shaayii kubbaayyaa 5 = kaalorii 450
Sukkaarri maankaa 15 baay'achuu danda'a, garuu baay'eetu nu hafa.
Amma yeroo atileetotaaf nyaanni itti dhiyaatuudha.
Ugaalii saahinii 1 = kaalorii 220
Filmaanni nyaata jalqabaa gaariidha jedhamu , kan Afrikaa Bahaatti beekamuufi marqaa daakuu boqqolloorraa qophaa'udha.
Innis nyaata haala salphaan argamudha. Garuu, atileetota fageenya dheeraa Keeniyaatiif nyaata murteessaadha. Kaalorii ofitti fudhatan keessaa 1/4ffaa ni ta'a.
Olompikii Tookiyoo irratti garuu nyaata biraa sooratu. ''Ugaaliin biyya biraa waan hinjirreef tarii ruuzii, paastaa ykn lukkuu fi qurxummii nyaanna ta'a,'' jechuun himte.
Garuu ammoo gosa nyaataa atileetoonni filatan irratti haa xiyyeeffanu. Tokko qofti gahaa waan hintaaneef kan biraa haa daballu.
Ugaalii saahinaa 2 = kaalorii 440
Ugaaliin nyaata gaariidha garuu hamma annisaa atileetoonni ofitti fudhachuu qaban waliin yeroo walbira qabsiifnu fagoo jirra.
Marqaa qofti gahaa miti. Mee tarree nyaata isaanii keessa maal akka dabaluu dandeenyu haa ilaallu.
Foon qotiyyo 1 = kaalorii 190
Foon qotiyyoo dhugaatti isaan gargaara.
Foon qotiyyoo madda pirotinii gaarii ta'us, atileetonni Keeniyaa hedduun pirotinii aannanii fi baaqelaa irraa argatu. Kanaaf, isaan irraa muraasa itti haa daballu.
Aannan kubbaayyaa 2 = kaalorii 320
Shaayiin Keeniyaa jedhamuufi zinjibilaafi qimamii garaagaraan qophaa'u keessa aannan qooda guddaa qaba. Kanaaf kana kubbaayyaa lama atileetota kanaaf daballa. Innis kaalorii 320 ta'a.
Akkasumas Iluud waan dhuguu jaalatu kan biraa qaba. ''Mursik aanaan itiitedha. Ispoortiif barbaachisaadha. Yoo itittuu dhugde nyaanni akka dafee daakamu taasisa,'' jechuun hima.
Nyaata baaqelaa irraa qophaa'e 1= kaalorii 120
Gost baaqelaa ugaaliin walitti makamuun dhiyaatus humna qaamni keenya argatu kaalorii 120 ol kaasa. Ammas nyaanni ni hanqata. Mee dinnicha fidaa!
Atileetonni Keeniyaa hedduun ruuzii, dinnichaafi daabboo gahaa sooratu. Kunis tilmaamaan kaalorii isaan barbaachisu keessaa 1/4ffaa kan ta'uufi kaarbohaayidireetii ofitti fudhatan keessaa 1/3ffaa irraa argatu. Kanaanis humna maaraatooniif isaan barbaachisu walitti qabatu.
Ruuzii yeroo 1 fi dinnicha affeelame yeroo 1 = kaalorii 510
Ruuzii yeroo lamaa fi dinnicha mi'aawaa affeelame yeroo tokko dhiyaatu keessaa maal akka argamu haa ilaalu.
Kun atileetonni shaampiyoonaa dubartootaa keenya akka maaraatoona xumuraniif humna gahaa kennaafii? Eeyyeen!
Sarara xumuraa Birijiid Kosgeyii!
Birijiid wayita 2019'tti maaraatoonii Chikaagoo mo'atteetti kaalorii gara 1,666 fayyadamte.
Gabaabaatti ibsuuf, Birijid sa'aa 2:14 fiigdee sana keessatti jiddugalaan humna dubartii ga'eettiin tokko guyyaatti ofitti fudhattu gubde.
Amma gara Iluud Kiipichoogee haa deebiinu. Kiipichoogeen saffisaafi ulfaatinaan Birijiid waan caaluuf fiigicha xumuruuf ishee caalaa humna barbaada.
Kanaaf ammoo nyaatawwan tarraa'aniin alatti, killee waadamaa, raafuufi muduraalee biraa ni soorata.
Killee affeelame 2, maanaaguu 1, raafuu 1 fi ataakiltiiwwan biraa 1 = kaalorii 260
Kanaanis Kiipichoogeen killee 2 fi ataakiltiiwwan adda addaa irraa kaalorii 260 argata.
Nyaanni addaa tokkos ataakiltiin biyyattii keessatti argamu mi'eessituuwwan adda addaa waliin makamee kan qophaa'u jira.
Akkasumas gosa raafuu kan ta'eefi kan biyyoota Baha Afrikaatti bal'inaan argamu jira.
'Ataakiltii gabaadhaa hinbinnu. Raafuufi saalaaxaa asitti waan dhaabnuufi lafti keenyas gabbataa waan ta'eef kemikaalatti hinfayyadamnu,'' jechuun Birijiid BBC'tti himte.
Amma gara dhumaa gahaa jirra. Gara sarara xumuraatti akka nugeessuuf kan hafu nyaata akka ciree dafee daakamuuf hinrakkifneedha.
Muuzii 1 = kaalorii 100
Akkuma nama hundaa, atileetonni beekamoonnis nyaata daakamuuf hinulfaanne barbaadu. Baay'ee kan beekamu fuduraadha.
'Keessattuu ani fuduraalee adda addaan jaaladha'' jetti Birijid. ''Tarii har'a muuzii, boru ammoo habaabi, guyyaa ittaanu burtukaana, ittaansee maangoo ta'a.''
Dhugaatii lallaafaa addaas akka jaalattu himti!
Ammaaf kanneen fayya-qabeessa ta'an qofarratti xiyyeeffachuun, muuzii kan kaalorii 100 qabatu yaalla.
Sarara xumuraa Iluud Kiipichoogeef!
Iluud bara 2018'tti wayita riikardii addunyaa haaraa galmeesseetti kaalorii 2,322 gubeera.
Kanaanis Kiipichoogeen sa'aatii 2:01:39 keessatti kaalorii 2,500 jidduugalaan dhiirri gaheessi tokko guyyaatti ofitti fudhatuu qabu fayyadame.
ilaaluun hangam kan kaarbohaayidireetiifi kaaloriin guutame ta'u ilaalaa.
Nyaata soorannaaf
Iluud Kiipichoogee fi Birijiid Koosgey lamaanuu dorgommii waltajjii olaanaa Tookiyoo 2020 irratti ni dorgomu.
Baroota dhihoo as maaraatoonii Olompiikiirratti atileetota Baha Afrikaatu cimee mul'ata. Haala soorata isaaniitti dabalamuun uumamni qaamasaanii fi leenjiin haala qilleensa naannawa suluula qinxamaatti taasisan milkaa'ina isaaniif gumaachu hinoolle.
Iluud BBCtti akka himetti, nyaanni gabbataafi madaalawaan murteessaadha. ''Atileetiin akkuma nama dhaabbata ijaarsaa keessa hojjatuuti. Humna waan si barbaachisuuf, nyaanni soorattu murteessaadha.''
Addunyaa yeroo atileetonni beekamoon saayinsii nyaataa haaraafi omishaalee gabbisoo ta'an bu'uura godhate irratti, kanneen milkaa'ina olaanaa qaban isaan nyaatawwan salphaa fi kan uumamaa sooratan ta'u yaadachuu ni barbaachisa.