Raashiyaanotaa lakkaa'uun attamiin bifti waraanichaa jijjiramaa jiraachuu mul'ise
Ilaaluuf gadi sololaasisiRaashiyaan miidhaa yeroo waraana irra gaherratti seenaa icciitii addaa qabdi
Kanaaf, wayita Yukireen weerarteetti, BBC fi michoonni isaa hanga danda'ameen of eeggannoon du'aatii qaqqabee mirkanneessuufi lakkaa'uu eegalan.
Du'a mirkanaa'aniif tarreeffama keenya- kan du'an kan namoonni beekan- hidhattoota 25,000 ol darbuun caaluun, miidhaa Raashiyaa waliigalaa saaxile.
Lakkoosi kun ragaa miidhaa cimaa waraanni humna Raashiyaa irraan gahe agarsiise. Ta'us ammoo maatii gaddaa jiraniif deebii kenne.
Hanga BBCn adda baasutti firoonni muraasni nama isaaniirra maaltu akka gahe hin beekan ture.

Raashiyaanotaa lakkaa'uun attamiin bifti waraanichaa jijjiramaa jiraachuu mul'ise
Raashiyaan miidhaa yeroo waraana irra gaherratti seenaa icciitii addaa qabdi
Kanaaf, wayita Yukireen weerarteetti, BBC fi michoonni isaa hanga danda'ameen of eeggannoon du'aatii qaqqabee mirkanneessuufi lakkaa'uu eegalan.
Du'a mirkanaa'aniif tarreeffama keenya- kan du'an kan namoonni beekan- hidhattoota 25,000 ol darbuun caaluun, miidhaa Raashiyaa waliigalaa saaxile.
Lakkoosi kun ragaa miidhaa cimaa waraanni humna Raashiyaa irraan gahe agarsiise. Ta'us ammoo maatii gaddaa jiraniif deebii kenne.
Hanga BBCn adda baasutti firoonni muraasni nama isaaniirra maaltu akka gahe hin beekan ture.
Seenaa miseensota lamaa
Saajin Nikitaa Lobaretsi, humna addaa Raashiyaa keessatti dursaa garee kan ture bara darbe Caamsaa 20tti ganda Yukireen bahaa keessatti du'e. Miseensi kun waggaa 21 ture.
Gara waggaan bood, firoonni Aleeksaandar Zubkov akka inni lola Baakhmun irratti du'e baran. Namni waggaa 34 kun yakka qoricha sammuu adochoon hidhaa waggaa sagal itti murtaa'eerra osoo jiru Waaganariitti makame.
Loltoota 25,000 du'an keessaa lamaan kunneen odeeffannoo mirkanaa'e fayyadamuun BBC, dhaabbata midiyaa Raashiyaa walabaa MediaZona fi garee tol-ooltootaa fayyadamuun mirkanaa'an.
Namoon kunneen lamaan erga weerara Yukireenii as waraana Raashiyaa bifa jijjirrachuu bakka bu'u: Akkuma duutii dabalaa jiruun humna waraana maanguddoofi sirnaan hin leenji'iin dabalaa jira.
Waraanni wayita eegalu, loltuun Raashiyaa duutisaa BBCn galmaa'e nama waggaa 21 fi loltuu sadarkaa gadaanaa ture- akkuma Saajin Nikitaa Lobaretsiitti.
Nikitaa Lobaretsi

Akka odeeffannoo abbaa isaatti, Konstaantin, Lobaretsi osoo magaala Biryaansk kan daangaa Yukireen irraa fageenya km 100 keessatti mana barnootaa hin bahiin dura miseensa loltuu paaraashutiin xiyyaara irraa bu'an ta'uu fehda ture. Maarshaal aartii qorachuun attamiin akka parashutiin utaalan barate.
Osoo humna addaa birgeedii GRU, tika waraanaa Raashiyaatti hin makamiin duras, Mana barnootaa Human qilleensaa Olaanaa Ryaazaanitti bakka argatee ture.
Saajin Lobaretsi fi kutaan Raashiyaanoota muraasaa waraanaa eegalanii baatii sadi keessatti ganda kaaba Khaarkiv keessatti lolli itti banamuun ajjeefame jedhan abbaansaa.
Bakka awwaalchaa magaala itti dhalate 'Gootoota Alley'tti awwaalamuun kabajni kennameef.
Baatiiwwan jalqabaa waraanni itti eegaletti seenaawwan walfakkaatan kumaatamatu ture.

Baatiiwwan sadan jalqabaatti du'a barame
Umurii: 21 | Loltuu leenji'aa | Sadarkaa: Dhunfaa

Baatiiwwan sadan darban keessa du'a barame
Umurii: 34 | Sirreeffamaa | Sadarkaa: Hin beekamu
Garuu, waggaan booda, baayyee waan barame hin turre.
Baatiiwwan dhiheenyaa keessatti, loltuun Raashiyaa Yukireen keessatti ajjeeffame nama umurii waggaa 34 mana hidhaatii qacarameedha..
Garuu, waggaan booda, baayyee waan barame hin turre.
Baatiiwwan dhiheenyaa keessatti, loltuun Raashiyaa Yukireen keessatti ajjeeffame nama umurii waggaa 34 mana hidhaatii qacarameedha..
Akkuma Aleeksaandar Zubkov.
Zubkov sirreeffamaa kutaa Waagnar keessatti lolu sadarkaa hin qabu- kan dhalates Sevenrodvinsk magaala kaaba-lixa Raashiyaatti qarqara Galaana Adiitti.
Aleeksaandar Zubkov

2014 keessa, wayita yakka ajjeechaan hidhaan waggaa saddeetiifi baatii jahaa itti murtaa'etti abbaa ijoolleefi hojii kan hin qabne ta'uu galmeen man-murtii ni agrsiisa.
Bara 2020 dhiifamaan gadhiifamee waggaan ittaanu himannaa qorichaan walqabateen mana-murtiitti deebii'e. Inniifi waahillisaa qoricha sammuu adoochu PVP giraama 600 waliin to'ataman.
Hidhaan biraa waggaa sagalii itti murtaa'e. Yoos gaa'iea hiikuun daa'ima xiqqaafi obbooleetti qaama miidhamtuu kunuunsu qaba ture.
Wayita gareen Waagnar mana hidhaatii mindeessuu eegalaniitti, Zubkov bara darbe Muddee keessa mindaa ji'aan $1,250 waadaa galameen itti makame. Tajaajila baatii jahaa osoo xumuree akka hiikamu eegamaa ture.
Garuu Zubkov wayita Waagnar magaala Bakhmut kan baha Yukireenitti argamu to'achuuf lola cimaa lolaa turanitti, baatii shaniin booda du'e. Amajjii 28 irratti magaala itti dhalatetti awwaalame.
Karaa loltootaan gubachuu'
Zubkov fi ummanni kaan akkuma ''loltoota badaniitti'' itti dhimma bahaman jedha Jaak Waatling, Institiyuutii Tajaajilawwan Gamtaa Royaal Raashiyaatti ekspartiin nagenya lafaafi oggeessii ittisaa.
Sirreeffamtoonni du'anis kanneen hanna xiqqaa hanga gursitoota saamtotaa keessatti argamu. Sirreeffamaan soramaa WaraanaAddunyaa Lammaffaa waggaa 92 ajjeessuun hidhame tokkos adda waraanaatti ajjeefameera.
Siviloota kakkaafaman waliin kanneen daandii ykn gamoowwan gabaa keessaa fuudhaman, akka bakka meeshaa waraanaa isaanii adda baasaniif, walitti fufiinsaan humnoota Yukireenootaa waliin akka wal waraanan ajajamu ture.
'Akka ajjeeffaman eeguudhaan gara fuulduraatti isaan ergu,'' jedha Dr Waatling. ''Kanaaf waraanni Raashiyaa karaa looltoota kanneenii saffiisa olaanaan gubataa jira.''
Jijjirraan tooftaa kunis lakkoofsicha keessatti argamu ni danda'a.
Du'a gareen

Raashiyaan baatiiwwan sadan jalqabaa waraanichaatti loltoota leenjii'an hedduu dhabde.
Garuu ammoo baatiiwwan sadan darban, keessatti loltoota hin leenjiineetuu irra caalaa du'aa jira.
Raashiyaan baatiiwwan sadan jalqabaa waraanichaatti loltoota leenjii'an hedduu dhabde.
Du'a gareen
Sadarkaa | Du'a |
---|---|
Qondaaltoota | 792 |
Loltoota sadarkaa gadaanaa | 2279 |
Tola-ooltoota weeraraan boodaa | 280 |
Waagnar | 22 |
Siviloota kakaafaman | 0 |
Sirreeffamoota | 0 |
Garuu ammoo baatiiwwan sadan darban, keessatti loltoota hin leenjiineetuu irra caalaa du'aa jira.
Du'a gareen
Sadarkaa | Du'a |
---|---|
Qondaaltoota | 148 |
Loltoota sadarkaa gadaanaa | 398 |
Tola-ooltoota weeraraan boodaa | 484 |
Waagnar | 752 |
Siviloota kakaafaman | 780 |
Sirreeffamoota | 1236 |
Rammaddiiwwan du'a kumaatamaa hin baramne. Xinxala odeeffannoo BBC fi Mediazona irraa.
Dr Watling Raashiyaan loltoota leenji'an hafan, akka lafa qabachuun isinaayippariin haleellaa akka raawwataniifi yeroo haalli mijate qofaa akka waraananiif beekaa olkeessi jedhu.
Muxannoo amma fiduun rakkiisaadha. BBCn qondaaltonni waraana Raashiyaa 2,100 ol du’usaanii mirkanneesseera. Tarii sababii Raashiyaan warra lixaa caalaa hoggansa hidhannoof qondaaltota gadaanaatti waan amantuuf, kunis balaaf isaan saaxila ta’a. Yoo xinnaate 242 isaanii sadarkaa leetanaant konaleeliifi isaa ol qabu.
Akka lakkoofsa kanaatti, yoo xinnaate paayilatoonni loltootaa 159 du'aniiru. Yeroo gabaabaa keessatti bakka buufamuun hin danda'mu. Isaan leenjiisuuf waggaa torbaafi doolaara miliyoonota barbaachisa.

Reuters
Miidhaan kun kanneen soorama bahan kan akka Meej. Jenaraal Kaanamaat Botaashev akka deebi'an dirqisiise.
Bara 2012tti jeettii waraanaa SU-27 hayyama malee ergifatee xiyyarichi waan kufeef hojii waraanaa dhaabe. Caamsaa bara darbe ammoo wagga 63tti xiyyaara SU-25 haleellaa lafoo osoo balaliisuu lixa Yukireen Luhaansik keesstti rukutame.
Tarree lakkoofsa namoota du'an keessa inni kan dulloome miti.
Mikhaayil Shuvaalov sooramaa hojjataa dhaabbata anniisaa waggaa 71 waraanaaf fedhaan bahan turan. Gabaasni miidiyaalee akka jedhanitti, jalqabarra isa fudhachuuvdidanii booda garuu adda waraanaatti bobba'uun Muddee 10 ajjeeffaman.
Galmee amanamoo
Lakkoofsi kun kan jalqabameef hojjattoonni BBC Raashiyaa galmeen amanamaan du'a galmeessu biraa akka hin jirre beekaniifidha.
Waraanicha keessatti garri lachuu badii irra gahu ni xiqqeessu. Garuu Raashiyaan ammoo hanga icciitii waraanaa ykn hamilee biyyaaf barbaachisuu caalaa du'a yeroo waraanaa dhoksuun seenaa qabdi.
Waraanni Afgaaniifi Chichiin xumuramee waggootaan booda, miseensoonniifi firoonni loltootaa galmee sirrii du'anii argachuuf ammalleen yaalaa jiru.
Ammi du'a Waraanaa Addunyaa Lammaffaa mataansaa gutuummaan beekmtiin hin kennamneef.
Mediazona fi miseensoota hawaasa Raashiyaa odeeffannoo ergan waliin hojjachuun, BBCn amma du'a qondaaltota naannoon ibsaman, kan midiyaan gabaafaman ykn firoota miidiyaa hawaasaa irraa waliitti qabuun mirkanneessera.
Isaanis guutummaa biyyattii keessatti yaadannoo wareegamtootaa maqaa haaraaf gaggeeffamaniifi suuraalee awwaalcha haaraa tola-ooltoonni kaasan xinxaluun, maqaafi eenyummaa kennuun kan du'an mirkanneessan.
Yeroo lakkoofsa kanaatti, bakki awwaalchaa loltoota Waagnariif mindeeffaman haaraa jaha Raashiyaa keessaafi tokko Luhansk baha Yukireen keessatti adda baafameera.
BBCn mootummaa Raashiyaa yaada akka irratti kennuuf quunnamulleen deebii argachuu hin dandeenye.

Sadaasa 2021

Amajjii 2023
Lakkoofsa keenyaan duutii Rashiyaa hundi hin galmoofne- nutis kan namoonni madda banaadha jedhan ykn yaadannoowwan irrattiifi bakka awwaalchaa tola-ooltoonni dowwatanitti eeraman qofaa fudhate. Tola-ooltoonni Raashiyaa hunda waliin gahuu hin danda'an.
Lakkoofsichi warra afaan Raashiyaa dubbata foxxoquu barbaadan Donbaas keessaa hin dabalatu.

Guraandhala keessa, tajaajilli tika UK loltoonni 40,000- 60,000 du'uu tilmaame.
Ministeerri Ittisa Yukireen Raashiyaanooti 200,000 ol akka ajjeeffaman tilmaama- kun garuu kanneen miidhaaf saaxilaman dabalata.
Lakkoofsi kunneen hundi kan Raashiyaan 6,000 jettu faalleessu.
Guraandhala keessa, tajaajilli tika UK loltoonni 40,000- 60,000 du'uu tilmaame.
Ministeerri Ittisa Yukireen Raashiyaanooti 200,000 ol akka ajjeeffaman tilmaama- kun garuu kanneen miidhaaf saaxilaman dabalata.
Lakkoofsi kunneen hundi kan Raashiyaan 6,000 jettu faalleessu.
Guutuu ta'uu dhabuun akkuma jirutti ta'ee, lakkoofsichi maatiiwwan gaddaa jiran muraasaaf bakka aanga'oonni hin gooneetti, deebii ni kenna.
Seenaa Anaa
BBCn wayita Mudde keessaa Annaa qunnametti- maqaashee dhugaa miti- hiriyaashee duraafi abbaa intalashee Faa'il Naabi'ev maal akka mudate shakkaa turte.
'Maal akka mudate natti himuu dandeessaa?'' jette. ''Eessatti akka awwaalameefi attamiin akka du'e hin beeku.''
Bakki awwaalcha Naabi'ev Baakinskaayaa, lafa awwaanchaa gubbaa saatalaayitiin mul'ateetti argamuun eenyummaansaa BBC adda baafame.

BBC
Innis umurii waggaa 60tti bara darbe Onko. 6tti dhiheenya Baakhmutti lola cimaa keessatti du'e- Yeroos humnootiin Waagnar hundi hirmaatanii ture.
Anaa kan naannoo kaaba-baha Mooskoo keessa jiraattu, erga adda bahaniin boodas Nabi'een hiriyaa ta'un akka itti fufan dubbatti. ''Nama gaarii ture.''
Garuu ammoo hiyyeessaafi maallaqa argachuu waan barbaaduuf gaaraajii namaa cabsee meeshaa konkolaataafi maashinoota kaan hatee gurgurachuuf. Kanaan hidhaa bu'uun booda Waagnariin mindeeffame.
Amma sirreeffamtoota garaa Waagnar Raashiyaa keessatti ajjeefamanii mirkanneessuun baayyee rakkiisaadha. Annaan wayita waajjira qaccarrii waraanaa naannoshee dhaqxetti, galmeen Naabi'ev omtuu hin jiru jedhaniin.
Du'a yeroo waraanaatti mudate karaa idileetiin mirkaneessuu dhabuu ammoo, kaffaltiiykn beenyaa maatiin argachuu qabu gaafachuufilleen haala rakkiisaa uuma.
'Akka jiru ykn du'e baruun barbaada. Kan ati jetteen alatti odeeffannoo omaa hin qabu,'' jechuun BBCtti himte Annaan. Yoo xinnaate yaadannoo isaatiif meedaaliyaa isaa fudhachuun barbaada, namni kun jaalalleekoot.''

BBC
Eeggataa miiliyoona 25''
Raashiyaan yoo cichoominaan qabatte, deeggarsi warri lixaa Yukireeniif taasisan dhumarratti akka kufa amanti jedhan Dr Jaak Waatling ogeessi Rusi laand.
Yukireen karoora dheeraa tarkaanfii deebiisan haleeluutiin addawwan Raashiyaa cabsuu kan dandeessu yoo ta'e, loltoonni muuxannoo dheeraa hin qabne ''kufaatii cimaan'' mudachuu mala jedhan.
Garuu ammoo wanti fedhe mudatus, Raashiyaan humna waraanaa hin dhabdu jedhu Dr Waatling, siiviloota dadammaqfaman irratti Ministirra Ittisaa Sargee Shiguu eeruudhaan. ''Yoo inni humna eeggataa miiliyoona 25 qaba jedhu, qofaa hin jiru. Waa'ee isaa dhugaa jechaa jira.''
Kana jechuun, hojjataa BBC du'a Raashiyaanoota mudachuuf jiru lakkaa'uu itti fufuu akka qabu ergaa dubartii Veeraa jedhamtu kan Irkutsk jiraattuufi erga oduu Waagnar keessatti obbooleessa ishee du'uu dhaggeesseen booda, maala akka mudate baruuf ji'ootaaf yaalaa turtrraa qaqqabe.
'Garamiitti fiiguu akka qabnuu, eessaa gargaarsa akka gaafannu hin beeknu'' jetti. ''Balaan nu mudateera, attamiin dhugaa arganna?''
