Wantoota bineensota ibsa, paarotii, wakkalleefi ilbiisa akka sonsaa dabalatee.

Waa'ee AI hubachuuf yaaltaniittuu?

Baatiiwwan jahan darbe keessa chatbots, ChatGPT, suuraawwan kanneen kalaqan kanneen akka Midjourney haala saffisaa ta'en babal'ataa jira.

Haa ta'u malee, modeelonni Hubannoo Namtolchee (AI) ykn ''maashin larniing'' jedhaman erga hojiirra oolanii bubbulaniiru.

Barruu gabaabaa nama reefu eegaluuf qophaa'e kana keessatti, gosoota AI garaa garaa fi argannoowwan dijitaalaa haaraan jireenya keenya keessatti dhiibbaa uumaa jiran ilaaluuf jirra.

AI akkamitti barata?

Waa'een AI inni ijoo sirna leenjii, jedhamudha. Kompiitarri daataa hedduutu kennamaaf. Takka takka daataan suni maal akka ta'e akkasumas ajajoota dabalata.

Qajeelfamichi wanta akka: "suuraawwan fuula agarsiisan hunda barbaadi" ykn "sagaleewwan kana toora itti godhi" kan jedhu ta'uu mala.

Sana booda pirogiraamichi daataa keessaa kaayyoowwan kanneen akka milkeessuf kan itti kenname patarniiwwan barbaada.

Yeroo kana godhu danqaawwan garaa garaa mudachuu mala - kanneen akka "kuni fuula miti" ykn "sagaleewwan sun lamaan garaa gara" - garuu wanti pirogiraamichi daataafi tilmaama (clues) irraa kennameef modeelii AI ni ta'a - meeshaan leenjisuus dandeettiwwan ofii hubata.

Akkaataan ittiin adeemsi leenjii kun AI garaa garaa uumu karaan ittiin ilaalan tokko waa'ee bineensota garaa garaa yaadudha.

Waggoota miliyeena heddu keessatti, naannoon uumamaa bineensonni dandeettii addaa akka qabaatan godheera, bifuma wal-fakkaatun, AI leenjii si'a miliyeena heddu taasisuun daataan akkaataa itti guddataa deemu qajeelchun ispeeshaalistii modeeliiwwan AI akka ta'u godha.

Kanaaf fakkeenyawwan akkaataa itti AI dandeettiiwwan garaa garaa akka horatu leenjifne kam fa'i?

Chaatboots maalidha?

Paarotii afaan ishee mallattoon itti godhamee kan agarsiisu

Chaatbootin waan akka paarotiiti jedhaa fudhaa. Kan nama akkeessufi jecha dhagahe tokko hanga ta'e hubachuun irra deebi'uun jedha, garuu hiikasaa guutummaan hin hubatu.

Chaatboots waanuma wal-fakkaatu hojjatu - sadarkaa wal-xaxaa (sophisticated) olaanaan ta'us - walitti dhufeenya jechoota barreeffaman waliin qabnu jijjiirurra gahaniiru.

Chaatboots kunneen akka itti barreessan akkamitti beeku?

Gosa AI modeeliwwan afaanii guddaa (LLMs) jedhamuun kan beekamaniidha, akkasumas bareeffama baay'ee guddaa ta'een kan leenji'anidha.

LLM jechoota qofa osoo hin taane hima guutuu hubachuun keeyyata tokko keessatti itti fayyadama jechootaafi gaalewwanii leenjii daataa isaa keessatti argate waliin wal-bira qabuun madaala.

Jechootaafi gaalewwanii gidduu walbira qabu jiran biliyeenaan lakkaa'amu kana fayyadamuun gaaffii dubbisee deebii qopheessuu danda'a - akkuma bilbila keessan irratti ergaan gabaabaan dursee qophaa'e isinii ergamu ta'ee kuni baay'eedha.

Waa'ee modeeliiwwan afaanii guddaa wanti nama ajaa'ibu ammoo seera seer-lugaa barachuu danda'uufi gargaarsa namaa malee hiika jechootaa ofumaan kennuu danda'uu isaaniti.

AI wajjiin dubbachuu nan danda'aa?

Alexa, Siri ykn sistama ittiin sagaleen adda baafamu kan biraa yoo fayyadamtan, AI fayyadamaa turtan jechuudha.

Waan illeettii ibsu gurrishee mallattoon itti godhamee.

Illeentii gurra guddaa tokko garaa garummaa sagalee gidduu jiru akka adda baaftuf leenjifamte yaadaan qabaa mee.

AI akkuma isin dubbattaniin sagalee waraabun, waca dudduuba jiru ni balleessa, sagalee keessan yuunitiiwwan xin-sagaatiin qoqqooda - tokkoon tokkoo sagalee jecha uuman jechuudha - sana booda kuusaa sagalee wajjiin wal-bira qabee madaala.

Sana booda haasan keessan gara barreeffama osoo deebin hin kennamin dura dogoggorri dhagahamu kamuu sirreeffamuu danda'uutti jijjiirama.

Hubannoon nam-tolchee akkanaa afaan uumamaa afaan uumamaa tolchuu (natural language processing) jedhama.

Kuni teeknolojii sochii maallaqa karaa bilbilaan erguu ykn fudhachuu mirkaneessuf "eeyyee" jechuudhaa kaasee bilbilli keessan magaalaa dhaquuf jirtan tokko guyyoota muraasa booda haalli qilleensaa maal akka fakkaatu akka isinitti himuuf gaafachuutti waan hunda duuba kan jiruudha.

AI suuraawwan hubachuu danda'aa?

Waanta jajjuu (owl) ibsu mallattoon ija isheetti godhamee.

Bilbilli keessa fooldarii "bishaan qarqaratti" ykn "halkan alatti" jedhu fa'aan suura keessan bakka tokkotti walitti qabee beekaa?

Akkas taanaan isin hin beektan malee AI fayyadamaa jirtu jechuudha. Algorizimiin AI patarniiwwan suura keessanii ilaalun walitti isinii qabe jechuudha.

Pirogiraamiiwwan kunneen kan leenji'an suuraawwan hedduu ilaalun, hundi isaanii ibsa gabaabduun moggaafaman.

Sistama AI suura ittiin adda baasuf suura "biskileetii" jedhu heddu yoo kennitaniif, boodarra biskileetin sun maal akka fakkaatuufi akkamitti bidiruu ykn konkolaataarraa akka adda ta'u irratti hojjata.

Yeroo tokko AI suurawwan wal-fakkaatan gidduu garaa garummaa muraasa jiru akka adda baasutti leenjifama.

Fuula adda baasun (facial recognition) bifa kanaan hojjata, fuula keessan fuulawwan namoota addunyaarra jiraniirraa waan adda taasisu adda baasun jechuudha.

Algorizimiinumti wal-fakkaatu kaansarii sammuu lubbuuf yaaddessaa ta'e akka adda baasuf akkasumas ogeessi fayyaa (consultant) waan tokkorratti murtee yeroo dabarsu qorannoowwan kumaatama gochuu akka danda'u godhamee leenji'eera.

AI akkamitti suuraawwan haaraa tolcha?

Waan gaararraa ibsu paatarnii gogaasheerra jiru mallattoo itti godhamee.

Dhiyeenya kana hubannoon suuraa (image recognition) modeeliiwwan AI tti madaqfamee jira; kunis akkuma gaararraa dandeettii patarniiwwaniifi halluuwwan jijjiiruu kan barateedha.

AI suuraa oomishan paatarniiwwan wal-xaxoo suuraawwaniifi fakkiilee miliyeenaan lakkaa'amanirraa walitti qaban guutummaatti suuraa haaraatti jijjiiruu ni danda'u.

AI suuraa waan tokko kan takkaa ka'ee hin beekne akka uumu gaafachuu ni dandeessu - fakkeenyaaf, suuraa nama Maarsirra deemuu.

Ykn bifa adda ta'een istaayilii suuraa qajeelchuu ni dandeessu: "Fakkii leenjisaa kubbaa miilaa Ingiland, akka Pikaasotti kaafame."

AI boodanaa suuraa haaraa kana piksiliiwwan akkasumaan dibaman hedduun jalqaba.

Tuqaawwan tasaa (random dots) paatarnii ta'e tokkoof kaafaman kan yeroo leenji'u barate ilaala - paatarniiwwan wantoota garaa garaa ijaaruf.

Paatarniiwwan kunneen tuqaawwan tasaa hedduu itti dabaluun suuta jabaataa deema hanga dhumarratti kan fakkaatu mul'atutti. Tuqaawwan paatarnii gabbisan hambisuun kanneen biroo haqaa jechuudha.

Patarniiwwan barbaachisoo hunda kanneen akka "Fuula Maarsii", astironootii" fi waliin "deemuu" hunda uuma, sana booda suura haaraa argattu.

Sababa suurri haaraan gulantaalee piksiliiwwan tasaa (random pixels) irraa hojjatamuuf, bu'aan isaa tasumaa kan kanaan dura hin turre ta'a, garuu paatarniiwwan biliiyeenan lakkaa'aman kan suuraawwan leenjii jalqabaarratti kan hundaa'edha.

Wantoota akka mirga abbeentaa, namuusa hojiilee aartii kan aartistoota, dizaayinarootaafi ogeeyyii suuraa dhugaa irratti hundaa'ee leenji'e hojjachuun wal-qabatee namoonni yeroo ammaa kuni maalidha kan jedhu gaafataa jiru.

Waa'ee konkolaataa ofiin deemuuwoo?

Konkolaataan ofiin deemu waggootaaf qaama mata duree haasaa waa'ee AI ture. Asoosamni saayinsii ammoo kana sammuu namaa keessatti ijaaree ture.

AI ofiin of-oofu ofiin konkolaachisuu jedhama, konkolaataawwan keessatti kaameraa, raadaarii, leezariiwwan fageenya tilmaaman tolfamaniiru.

Wanta ilbiisa sonsa fakkaatu (dragonfly) ibsu ijiifi baalleen isaa mallattoon itti godhamee

Mee ilbiisa akka sonsaa akka barbaadetti balali'uufi yeroo balali'u akka isaa tolutti akka of-sirreessuf ija digrii 360 arguufi seensariin baallee isaatti godhame yaadaa mee.

Bifuma wal-fakkaatun, modeelin AI seensarii isaarraa daataa fudhachuun wantoota gargar baasuufi yoo ni socho'u ta'e, wantoota socho'an akkamiiti kan jedhu- konkolaataa biraa, biskileetii, nama lafoo ykn wanta biraa- gargar baasuuf itti fayyadama.

Hojiin konkolaachisummaan gaariin maal akka fakkaatu akka hubatuuf leenjii sa'aatii kuma heddu kennuufin AI murtee akka dabarsuufi lafarratti konkolaataa oofuufi konkolaatan akka walitti hin buunef tarkaanfii akka fudhatu dandeessisa.

Algorizimiin tilmaama waggoota hedduuf amala konkolaachistootaa kan hin tilmaamne wajjin wal-baruuf rakkataa turuu mala, garuu konkolaattonni konkolaachisaa malee deeman amma waa'ee daandii isa dhugaa odeeffannoo/daataa maayilii miliyeenan lakkaa'amu walitti qabataniiru waan ta'eef imaltoota kaffalanii deeman geejibsiisuu eegalaniiru.

Teknolojiiwwan haaraan rakkoolee teekinikaa olitti akkamitti furmaata akka kennan konkolaataan ofiin deemu ummataaf fakkeenya.

Gara fuulduraatti daandiirratti hojii konkolaachisummaa guutummaatti maashinatti dabarsanii kennuuf seerri mootummaa, tumaawwan nageenyaa akkasumas maal-ta'inna yaaddon jedhan ammayyuu danqaawwan jiraniidha.

AI waa'ee koo maal beeka?

Agarsiiftuu gagaa dammaa kanniisatti mallattoon godhamee.

AI tokko tokko waa'ee lakkoofsa hojjatu, odeeffannoo bal'aa kan bu'aan isaa baay'ee barbaachisaa ta'e uumuuf, lakkoofsa sassaabun baay'isee walitti qaba.

Pirofaayiliiwwan faayinaansiifi sochii hawaasummaa keessan, keessumaa kan marsaa intarneetirra jiran, heddu waa'ee amala keessanii raaguf kan hojiirra oolan jiraachuu malu.

Loyaalitii kaardiin supparmaarkeetii keessan bittaa torban torbaniin taasistaniin amalaafi waan jaalattan duuka bu'a. Ejansiiwwan liqii kennan hangam akka baankii qabdaniifi hanga kireedit kaardirraa qabdan duuka bu'u.

Netflix fi Amazon halkan edaa qabiyyee sa'aatii meeqa akka ilaaltan/tamsaastan ragaasaa ni olkaa'u. Akkaawuntiiwwan miiidiyaa hawaasummaa keessan har'a viidiyoo meeqatti akka yaada kennitan ni beeka.

Lakkoofsonni kun nama hundumaafi. Kuni ammoo modeeliiwwan AI waan hawaasi irra deddeebiin godhu hubachuuf isaan dandeessisa.

Modeeliiwwan AI kun jireenya keessan qajeelchaa jiru, liqaa ykn morgeejii argachuu danda'uufi dhiisuu keessan murteessudhaa kaasee, beeksisa onlaayiniirratti ilaaltan irraa ka'uun maal bitachuu akka qabdan hanga dhiibbaa gochuutti jechuudha.

AI waan hundumaa gochuu ni danda'aa?

Agarsiiftuu uumama wal-makaa - qaama leencaa fuula jajjuu, afaan paarotii, gurra wakkallee/hilleensaafi koochoo ilbiisa akka awwaannisaa qabu.

Dandeettiiwwan kanneen modeelii AI qeenxeefi hayibiriidii (wal-makaa)'tti waliitti fiduun ni danda'amaa?

Yeroo dhiyoo as AI ammayyaa'aa ta'e kana irratti hojjata.

Kunis maltimodal AI yoo jedhamu modeeliin daataawwan garaa garaa kanneen akka suuraalee, barreeffama, sagalee ykn viidiyoo akka qoratu hayyama, akkasumas paatarniiwwan haaraa gidduusaanitii baasa.

ChatGPT'n modeelii AI isaa GPT3.5 kana barreeffama qofaarratti leenji'e irraa gara GPT4 kan suuraarrattis leenji'eetti akka cehu kan dandeessise mala maltimodaalii kanadha.

Modeeliin AI daataa kamiyyuu xiinxaluu danda'uun hojii kamiyyuu hojjachuu, afaan hiikuu irraa kaasee hanga qoricha haaraa tolchuu danda'uu hubannoo nam-tolchee waliigalaa (AGI) jedhamuun beekama.

Namoota tokko tokkoof kuni kaayyoo qorannoo hubannoo nam-tolchee hundaadha; kaanif ammoo karaa asoosama saayinsiin mul'ataa ture bira gahuuf, kan hubannoo keenya gararraa ta'eefi to'achuullee hin dandeenyedha.

AI akkamitti leenjiftu?

Hanga yeroo dhiyootti adeemsi AI hedduu leenjisuu "to'achuun barsiisuu (supervised learning)'' jedhamuun beekama ture.

Daataawwan leenjii guddaa ta'e maqaan (label) namaan itti kennamee AI paatarnii daataa keessa jiru akka bira gahu gaafatama ture.

Sana booda AI paatarniiwwan kana daataa haaraa irratti akka hojiirra oolchu gaafachuun hangam akka sirrii ta'e irratti yaanni kennama ture.

Fakkeenyaaf, AI dhaaf suurri heddu kenname jennee haa yaannu - jahaan isaanii "konkolaataa" kan jedhu maqaan itti kenname, jaha kan biraammoo "vaanii" maqaa jedhutu kenname.

Konkolaataa diimaa jahaafi vaanii adii jaha

Sana booda paatarnii ijaan mul'atu kan konkolaattotaafi vaaniiwwan garee lamatti qoodu akka hojjatu itti himaa.

Suuraa kana akka gargar qoodu gaafa gaafattan maaltu uumama isinitti fakkaata?

Konkolaataa adii

Akka carraa ta'ee AI kuni akka vaanii ta'etti waan yaadu fakkaata - baay'ee cimaa miti.

Amma kana itti agarsiiftu.

Vaanii diimaa

Kuni konkolaatadha jedhee isinitti hima.

Dogongorri maalii akka mudate ifaadha.

Lakkoofsa suura xiqqaa ittiin leenji'e irraa kan ka'e karaan gaarin ittiin konkolaatafi vaanii gargar baasan halluudhaani kan jedhu AI murteesse.

Waa'ee pirogiraamii AI kan namatti tolu, murtee kanarra kan gahe ofii isaatiIni - nuti ammoo murtee sirrii akka kennu gargaaruu dandeenya.

Wantoota haaraa lamaan dogoggoraan akka adda baase itti himuu dandeenya - kuni ammoo paatarnii haaraa suuraawwan keessa akka barbaadu isa dirqisiisa.

Caalmaatti ammoo, suurawwan garaa garaa kennuufidhaan yeroo leenjifnu loogin akka hin uumamne sirreessuu ni dandeenya.

Fakkeenyonni kun lamaan - bal'inaan - murteewwan wal-xaxaa ta'an akka murteessaniif akkaataa itti sistamoonni AI hedduu leenji'aniidha.

AI ofiisaatin akkamitti barata?

Baruumsi to'annoo gaggeessun (supervised learning) barsiifamu mala leenjii baay'ee jabaadha, garuu yeroo dhiyoo as guddinni gama AI'tiin argamaa jiru osoo to'annoo hin taasisin barsiisuun akka danda'amu mirkanesseera.

Jecha salphaan yoo ibsamu, kuni bakka algorizimiiwwan wal-xaxoofi daataa beeziin guddaan fayidaarra oolan yoo ta'u, AI namni osoo hin qajeelchin kan itti barachuu danda'uudha.

ChatGPT'n fakkeenya gaarii ta'uu danda'a.

Hangi barreeffamaa intarneetirra jiruufi kitaabonni dijitaalaan taa'an baay'ee waan ta'eef ChatGPT'n jechoota kana akkamitti gara waan hiika qabuutti akka jijjiiru ofiisaatin ji'ootaf barachuu danda'e, namoonni ammoo deebiin sirrii akka ta'uuf gargaaran.

Afaan biyya alaatiin kan barreeffame kitaaba tuullaa isaa qabdu haa jennu, tarii kaan isaanii suuraadhaan.

Yeroo fakkii ykn suuraa fuula kitaabaarratti argitan jechuma wal-fakkaataa isin mudachuu danda'a, yeroo suuraa manaa argitan ammoo jecha biraa.

Akkasumas jechoota sana cinaatti jecha biraa kan akka "-cha" fa'aa arguu dandeessu.

ChatGPT'n walitti dhufeenya jechoota gidduu jiru sirriitti xiinxaluun modeelii istaatistiksii guddaa kan tilmaamaafi hima haaraa ijaaruuf itti fayyadamu hojjata.

Wantoota shallagaman (computing power) guddaa irratti hundaa'a, kunis AI jechoota heddu - qeenxeen, gareedhaan, himoota keessatti, akkasumas guutummaa fuulawwanii keessatti - akka sammuutti qabatu godha. Sana booda, sekondii keessatti dubbisuun akkamitti akka fayidaarra oolan irra deddeebiin madaala.

Bara darbe keessa gama modeeliwwan gad-fageessanii barachuu (deep learning)'dhaan jijjiiramni atattamaa dhufuun hubannoon nam-tolchee abdiifi yaaddoo uumee jira, guddinni isaammoo waan harkifatu hin fakkaaatu.

Abdiifi akeekkachiisni asoosamni saayinsii kanaan dura argaa turre tasa nurra bahuun addunyaa AI dandeettii isaa agarsiisaa jiru keessatti of-argine.