BBC Dubartoota 100 bara 2024 keessa adunyaa irraa dhiibbaa uuman jechuun filate ifoomse
Isaan keessaa badhaasa Noobelii kan mo'atte Looreet Naadiyaa Muraad, gudeeddii irraa kan ooltee fi amma duula gaggeessaa kan jirtu Giisel Peelikoot, taatoo Shaaron Istoon, atileetii Olompikii beekamtuu Ribqaa Andiraadee fi Aliisan Feeliiksi, Weellistuu Raayee, artist Tireesii Emiin, Jijjiirama qilleensaaf kan falmitu Adiinkee Olaadosuu fi barreesituu Kiristinnaa Riveeraa Gaarzaa argamu.
Waliiti bu'insa lubbuu galaafate fi rakkoo deeggarsa namoomaa hamaa Gaazaa keessaa hanga waraana Yuukireenii fi Sudaan irra darbee siyaasa fiixeetti bahee fi filannoo hedduu adunyaa irratti gaggeeffaman irratti dubartoonni cichoomina addaa agarsiisaniiru.
Dubartoota 100 BBC bara kana beekamtii kenneef warreen cichoomina isaaniin jijjiirama fidan, adunyaan yeroo jijjiiramtu akka jijjiiramni dhufu warra taasisanidha. Dabalataan warreen jijjiirama qilleensaa hawwaasa isaanii miidha ajiru dhaabuuf falmanis ilaaleera.
Maqaan isaanii kan tarreeffame ulaagaa homaa irrattiyyuu hundaa'ee miti.
Dizaayinara uffataa
Dizaayinariin Faashinii Yaasmiin Imjaalii haala jireenyaafi aadaa warra Filisxeemitu kaka'umas taheefi.
Ameerikaatti guddattus Raamaalaa, Weesti Baankitti deebitee biraandii uffataa Nol Collectives jedhamu bara 2020tti jalqabde.
Uffannaan faashinii ishee kuni suuqii naannoo, halluu uumamaa gurguruufi dubartoota huccuu oomishan wajjin hojjeta. Warreen wayyaa kana foyan, dhanahiifi hodhan mala aadaa warra Filisxeem fayyadamu.
Mijaaliin uffata hodhitu fayyadamuun mirga Filisxeemotaaf falmaa turte. Miidhaa dubartootra daandiirra jiraatan irra akka adunyaatti gau dura dhaabbachuuf jecha ''jaalalleekee miti' jedhu jakkeetii irratti maxxansuun falmaafii turte.
Falmituu wal-qixxummaa amantii
Anaat Hoofmaan amantii Juudizimii keessatti wal-qixxummaan koorniyaa akka kabajamuufi danoomni amantii akka jiraatu falmaafi duula geggeessaa turte.
Miseensa hundeessituu garee Women of the Wall jedhamuuti. Dhaabbatichis magaalaa durii Yerusaaleem keessatti dubartoonni warra Yihuudotaa mirga qixxee kadhannaa geggeessuu akka argatan gaafata. Waggootaaf seerota dubartoonni guftaa kadhannaa akka hin uffanneefi walitti qabamuun kitaaba Yihudotaa Tooraa jedhamu akka hin dubbisne dhorku mormaafi falmaa turte.
Hoofmaan waggaa 20f dhaabbata wal-qixxummaafi haqa hawaasaa irratti hojjetu Religious Action Center keessatti hoggantuu olaantuu tahuun tajaajilteetti.
Isaan dura Mana Maree Magaalaa Yerusaalem keessatti teessoo argachuun imaammatawwan rincicummaa amantii warra Yuhudootaa jabeessan mormiti ture.
Gaazexessituu fi Waloo
Shamarreen ganna 22 lammii Filisxeem taate Pileestiyaa Alaaqaad dhiyeenya yeroo waraanni Gaazaa jalqabu yuunvarsiitii irraa eebbifamte. Yeroo waraanichi jalqabe yeroo Israa'el haleellaa qilleensarraa raawwachaa turte gamoo mana jireneyaa ishee keessaa viidiyoo ishee waraabdee maxxansaa turte.
Hedduu waan daawwatameef Inistagiraamii irratti hordoftoota miliyoona afur tahan Inistaagiraamii irratti argatteetti. Haala Gaazaa keessaa, walaloo fi seenaa jireenyaishee qoodaa turte. Yaadannoo ishee Ija Gaazaa ykn 'Eyes of Gaza' jedhu dhiyootti maxxanfama.
Alaaqaad gaazexessituu cimtuu 'Pne Young World' 2024 jedhamuun badhaafamteetti. Kora mootummoota adunyaa gurguddaa irratti argamuun mirga filisxeemotaaf falmaa turte.
Alaqaadaan Sadaasa 2023 Gaazaa keessaa baate. Beerut keessatti barnoota digirii lammaffaa miidyaadhaan akka barattuuf carraa barnootaa kennameef.
Miidiyaa fi barnoota hojii uumuu
Yeroo dubartoonni Afgaanistaan carraa barnootaa dhabanitti Hamidaan Begum Akkaadaamii hundeessuf murteesite. Shamarran barachuu hin dandeenyeef carraa barnoota miidiyaa karaa oonlaayinii kennamudha.
Bara darbe miidiyaan barnootaa kun afaan Paashtoo fi daariidhaan viidiyoo 8,500 tahu barattoota isaaf dhiyeesseera. Kunis barnoota kutaa 7-12 jiruufi.
Caamsa darbe, Hamiidaan Begum TV hundeessite. chaanelii barnootaa gosoota barnootaa Beegum karaa satalaayitii dabarsudha.
Itti aansitee ammoo sagantaa Raadiyoo Begum jalqabde. Buufata miidiyaa dubartoonni qofti hojjetanii fi dubartootaaf hojjetudha. Kun erga Taaliibaan bara 2021 aangootti deebi'eeti.
Falmituu mirga namoomaa
Sivetlaanaa Anookiinaa namoota Kaaba Raashiyaa naannoo Kakosas irra jireessaan Musiliima tahan keessatti miidhamuu Baha Awurooppaa fi Eeshiyaa keessa bittinnaa'an gargaarti.
Tola ooltota kaan waliin tahuun bara 2020 pirojeektii Maarem hundeessite. Dubartoota naannoo Daagestan, Chiichiniyaa fi Kaaba Kaakosas keessatti miidaman gargaara.
Akkaataatti achii baaafamanii fi iddoo turtii yeroodhaaf tahu qopheessuun isaan gargaaru. Deeggarsa seeraa fi xiin-sammuus kennuuf.
Bara darbe qondaalonni raashiyaa Humna Waraanaa Raashiyaaf kabaja hin kennine jechuun qorannoo yakkaa irratti gaggeessaa turan.
Gaazexessituu Suuraa
Gaazexessituu Suuraa Kiristinnaa Asii bara 1990 keessa Libaanus keessatti guddatte. Waraana Walii Waliini tureef tasgabbiin hin jiru ture.Kanatu akka isheen taateewwan waraanaa fi seenaawwan hin himane baasuuf akka ragaa wlaitti qabdu ishee kakaase.
Onkoloolessa 2023 haleellaa Israa'eliin Kbba Libaanus keessatti akka malee madoofte jireenya ishees jijjiire.
Haleellichi waayila ishee gaazexessaa ture Isaam Abdallaa ajjeese. Waayillan isaanii biroo shan ammoo madaa'anii oolan. Booda Asiirraa miilli ishee cite.
Mudannoon kun akka nageenya gaazexeesitootaaf falmitu ishee kakaase. Olompikii Paaris 2024 irratti sirna guca qabsiisuu irratti hirmaachuun yaadannoo gaazexeesitoota hojiirra osoo jiranii du'aniif goote.
Monoksee
Siistar Yuujiiniyaa Boneettii dahoo 100 ol hundeessuun akkasumas monokseewwan Afrikaa biroo waliin hidhata uumuun dubartoota godaantuu tahanii daddabarsa seeraan alaan miidhaman gargaarteetti.
Halkan baayyee Room keessatti dubartoota daldala saal-quunnamtiif dirqisiifaman gargaarteetti. Kana malees pireezidantii dhaabbata Slaves No More kan daddabarsa namootaa irratti hubannoo uumuu taateetti.
Boneettiin Keeniyaa keessatti waggaa 24 oliif mishinarii tahuun kan tajaajilte yoo tahu qondaalota baaburaa hojiiwwan farra daddabarsa namootaa seeraan alaa irratti akka hojjetan gargaarteetti.
Sooruma bahuun dura barreefama amantoonni Kaatolikii waggaa waggaan guyyaa Fannoorra kadhannaa fi kennama ittiin taasisan Way of the Cross bara 2019 akka barreessitu Phaaphaasiin Kaatolikii Poop Firaansis gaafataniin ture.
Qopheessituu Fiilmii
Dookimantarii badhaasa injifate kan hojjette Shiin borsaa ishee keessatti dirooniin argamnaan to'annoo jala oolte.
Maayinamaar biyya waraanni bulchu keessaatti seera farra shororkeessummaa cabsite jedhamuun qoratamaa turte. Dhaddacha cufaatti dhiyaattus abukaatoo ishee bakka bu'u akka hin qabaanne dhorkamte. Kanaan hidhaa umurii guutuun adabamte.
Erga bara 1988 as Shiin bulchiinsa waraanaa mormaa turte. Hidhaanis siheef waan haaraa miti.
Dookimantarii gaggabaabaa hedduu daarikti gooteetti. Hedduun isaaniis ija daawwattoota idil-adunyaa hawwataniru. Fiilmii ishee bara 2007 fincila deeggarsa dimokiraasii dabalatee. Yeroo sana luboonni amantaa Budizimii hedduun fincilichatti makamuun bulchiinsa Juuntaa mormaniiru.
Artistii
Dhuma bara 1990 keessa, Tireesii Emiin, hojii ishee akka Sireekoo fi Godookoo [My Bed and The Tent] jedhaman, kan waa'ee muuxannoo saal-qunnamtii isaniin beekamte.
Ergasii adunyaa aartii keessatti nama beekamtuu taatem seenaa jireenya ishees kitaabaan maxxansiteetti.
Hojiin aartii ishee 'My Bed' jedhu erga Landan keessatti agasiifamee amma waggoonni 25 darbaniiru. Yeroo tokko ija hin taaneen kan ilaalame hojiin ishee bara kana garuu hojii aartii gumaachiteef Emiin Mootii Chaarles irraa kabaja komaandera jedhu argatteetti.
UK, Maargaat keessatti Tireesii Emiin Faawondeeshin hundeessiteetti. Kunis dandeettii aartii olii dufaa jajjabeessuuf.
Amma akka dubartummaa keenyaatti cichoomina guddaa nu barbaachisa...yeroon kun yerootti tokkummaan dhaabbannuufi tokkummaan mirga dubartootaaf falminudha jedheen amana.
Tireesii Emiin
Daarektara fiilmii, barreessituu, haadha man-kuusa artii
Amma ganna 95ffaatti siqaa kan jirtu Shuwaan Fuuwoong jireenya guutuufi mikaa'aa jiraatte.
Veetinaamitti waraana lama argiteetti. Shamarree ganna 16 taatee biyyishee Faransaayi irraa walabummaa akka argattu lolteetti.
Damee fayyaan doktarummaan eebbifamtee hoggantuu kiliinikaa, gaazexeessituu waraanaa, daarektara fiilmii TV Veetinaam tahuun dhimmoota seena-qabeessa tahan keessa dabarsiteetti.
Ganna 62tti sooruma bahurra man-kuusaafi agarsiisa artii Lootas jedhamu jalqabde. Man-kuusa dhuunfaa jalqabaa Ho Chi Minh City- artii Veetinaam addunyaatti agarsiisu irratti xiyyeeffata. Artiistoota naannoo guddisuunis maqaa guddaa horateetti.
Barreesituu
Barreesituu beekamtuu kun waggootaaf badhaasota hedduu mo'atteetti. Badhaasa Puulizer 2024 kitaaba ishee Liliana Invincible Summer jedhamuuf kaadhimamteetti. Kitaabichi ajjeechaa dubartoota irra gahuu irratti hubannoo kan kennu ture,
Seenaa jireenyaa obboleettii ishee Meksiikootti bara 1990 ajjeefamtee irraa ka'uun kan barreesite Kiristinnaan, biyyisheetti ajjeechaa dubartoota irra gahuuf murteen haqaa dhabamuu cimsitee mormiti. Obboleettiin ishee jaalallee isheedhaan ajjeefamte. Garuu biyyaa waan baqateef murteen haqaa hin kennamne ture. Ajjeechaan dubartoota irra gahu ol ka'aadha.
Riiveeraan Yuunvarsiitii Huustan keessatti hundeessituu fi hoggantuu sagantaa PhD aartiiti.
Faan waa'ee jireenya dubartii ergaa guutuu dabarsuuf ni gargaara, cichoomina isaaniif bu'uuradha.
Kiristinnaa Riveeraa Garzaa
Manaajera Dahoo Dubartootaa
Dahoo Dubartootaa Ayislaanditti iindaa Diroofin Gunaarsidootir, dubartoota sababa wal dhabdee mana keessaan mana isaaniitii bahan deeggarti.
Ayislaandi adunyaa irraa biyya ''dubartootaaf mijattuu'' tahuun jalqaba irra jirti. Akkasis tahee miidhaan dubartoota irra maa keessatti gahu dabalaa jira.
Akka hoggantuu gidduugala kanaatti, pirojeektii haaraa bakka turtii dubartootaa tahee fi kan jalqabaa tahe gaggeessiti.
iindaa Diroofin Gunaarsidootir, waggaa 20 dura dubartoonni %64 tahan bakka dahoo erga turanii booda garuma nama manatti isaan miidhaa tureetti deebi'aa turan jette.Amma sababa deeggarsa kennamaafii jiruun gara %11tti gadi bu'eera.
Ogeettii suuraa
Naannolee biyyashee laggeen gogaaniifi miidhaan badetti hojjechuun ogeettiin suuraa Itoophiyaa Maahider Haaylessillaasee hongee hamaa maatiin daa'ima isaanii fuudhaaf akka kennan dirqisiise fa'i suuraa kaastuun galmeessuun badhaasa Comtemporary African Photography mo'ateetti.
Dhaaboti mirga namoomaaf falman lakkoofsa ijoollee dubaraa sababa jijjiirama qilleensaa bara 2050tti dachaa sadiin dabaluun heeruma ijoollummaaaf saaxilaman raaganiiru.
Maahider suuraan kaastu muuxannoo hojii guyyuu isheefi seenaa namoota hariiroo waliin uumteen kan bu'uureffate dha.
Hojiinshee African Biennale Photography dabalatee iddoowwan gurguddoo baayyeetti agarsiisaaf dhiyaateera.
Injiinara eegumsa hambaalee
Waraana waggootaaf Yaman keessatti geggeefameen booda gamoowwan hambaa seenaa tahan baayyeen manca'aniiru. Harbiyaan gamoowwan kunneeniitti lubbuu horuuf ergama qabattee baate.
Dhaabota Mootummoota Gamtoomanii UNESCO fa'i wajjin tahuun magaalaa durii Sana'aa keessatti gamoowwan mana jireenyaafi seena-qabeessa tahan iddootti deebifte. Guutummaa biyyattii keessatti iddoowwan ijaarsa qaban 16,000 manca'uu adda baasee ture.
Hojiiwwan isheen eegumsa hambaalee irratti taasiftu seenaa eeguu qofa osoo hin taane haala jireenya namootaas fooyyesseera.
Al Himiyaariin jiraattota naannoos ogummaa ijaarsaa leenjisteetti akkasumas dubartoonni damee kanattii akka seenan jajjabeessiti
Waloo
Waloo fi gaazexeesituu kan taate Maariyaa Teressaa Hortaa namota mirga dubartootaaf falman keessaa ishee tokko. Kitaabota badhaasa gurguddaa mo'atan hedduu barreesiteetti. Garuu waayila ishe ebiraa tahuun kan barreesitee fi badhaasota idil-adunyaa mo'ate Noovaas Kaastas Poorchugiis [Xalayaa Poorchugaal Haaraa] jedhudha.
Asoosamota, walaloo fi og-barruun bara 1972 mootummoota abbaa irree Poorchugaaliin dhorkamee ture. Hortaa fi waayillan ishee ''walabummaa miidiyaa molquu'' ilaalachisee mana murtiitti dhiyaachuun falmaniiru.
Kan akka Three Marias jedhaman fa'aa adunyaa irratti dubbii ijoo tahuun akka fincilli ka'u taasisaniiru.
Qorannichi Warraaqsa Kaarneeshin mootummaa aangoorraa kaase hordofee bara 1974 xumurame.Kanaaf barana waggaa 50ffaa yeroo seena qabeessa sanaati.
Barsiistuu amantii Yihuudii
Hawaasa Yihudotaa Niiw Yoork keessa jiran keessatti mirga jaalattoota saal-walfakkaataa fi amantii wiirtuu gochuun jijjiiramaaf hojjetaa turte
Bara 1992tti erga muudamteen booda Raabaayi jalqabaa yaa'ii amantii warra Yihuudii tahuun yeroo weerara HIV/AIDS dabalatee hawaasa kana bu'aa bahii baayyee keessatti hogganteetti.
Jaalattooni saal-walfakkaataa fi saala isaanii akka addaatti ibsatan yaa'iwwan waldichaa babal'atan keessatti miseensummaa argachuu isaanii hordofti. Yeroo ammaa waldaan isheen hoggantu waldaa jaalattoota saal-walfakkaataa simachuun maqaa qabu dha.
Kileenbaam barana sooruma kan baate yoo tahu humna jabaa hojiiwwan haqa hawaasaa duuba jedhamuun Koomishinii Bilisummaa Amantii Addunyaa akka hoggantu Pireezidant Joo Baayidaniin muudamteetti.
Gammachuun diddaa afuuraa fi siyaasaati.
Shaaroon Kileenbaam
Arkitektii
Hojiin ishee arkitekcherii dimokiratessuu'' jedhu badhaasa medaaliyaa 'Biriitish Arkitektis jedhamu akka mo'attu gargaareera. Damee kana irratti badhaasa isa baay'ee guddaadha. Erga inistitiyuutichi bara 1848 hundeeffamee as dubartii gurraattii jalqanaa badhaasicha argatte taateetti.
Waggoota kurnan lamaan darban keessa hawwaasa damee hojichaatti hin makamiin turan hedduun akka carraa argatan taasifteetti.
Hayyuun dhalootaan gaanaa fi lammii Iskootilaandi taate kun dubartii jalqabaa hidda Afrikaa qabdu Veenis o Beeyinaal of Arkitekcher miidhaksitedha. Xiyyeeffannoon ishee hanga kaarbonii xiqqeessuu fi farra kolonii ture.
Akiraatti ammoo hundeessituu African Futures Inititute yoo taatu, walitti dhufeenya arkitekcherii, eenyummaa fi sanyummaa qorata.
Cichoominni bu'a bahiin hangamiillee jiraatu, maal na dhibdeen jiraatus haala ulfaataa keessatti cimanii dhaabbachuudha.
Leesilii Lookoo
Artistii meekaappii
liviyaa MakVeeh, erga dhibee rifeensa namarraa fixuuf saaxilamtee adunyaa wiiggiitti makamte. Miidhagina adda addaa yaaluufi filannoowan biroo jiranis barbaaduu jalqabde. Karaa oonlaayinii dubartoota haala akkasiif saaxilaman jajjabeessuu jalqabde.
Hordoftoota walakkaa miliyoona atahan argachuun wiiggii godhachuu fi waa'ee dhibee rifeensa fixuu kana hubannaa uumaa turte.
liviyaa MakVeeh, Kaaba Ayerlaandi kan jiraattu yoo tahu, yeroo ijoollee turtedha rifeensi ishee kan irraa dhumuu jalqabe.
Amma woorkishoopii wiiggii gaggeessuun akka dubartoonni akkasii ofitti amanamummaa qabaatan barsiifti. Dubartoonni dhibichaaan qabaman wlaitti dhufuun akka bilisaan mari'ataniif haala mijeessaafii turte.
Cichoominni gonfoo dubartiin kaawwattudha. Yeroo kamiyyuu haala nu mudatutti baruun, haalicha jijjiiruu fi haalli naannoo keenyaa waan fedhe tahus fuulduratti tarkaanfachuu dandeenya.
Oliviyaa MakVeeh
Imaltuu fi dhiibbaa uumtuu
Umurii ishee waggaa 56 gaa'ila itti miidhamte irraa miliquun, konkolaataa ishee, godoo fi soorama ishee qabachuun Chaayinaa keessa imala jalqabde.
Imala ishee kanaan magaalota 100 bulchiinsaalee adda addaa 20 keessa jiran gahuu dandeesseetti.
Imala ishee kana irratti waan argite galmeessaa kan turte yoo tahu, dhimmi ishee kun miidiyaa hawwaasaa irratti falmii guddaa kaaseera. Isheen seenaa ishee himuun dubartoonni umurii gidduugaleessaa keessa jiran kan isheen 'adaadaa' jettee isaan ibsitu haala baratame keessaa akka bahan jajjabeessiti.
Amma miidiyaa hawwaasaa ishee irartti hordoftoota miliyona jaha qabdi. Seenaa jireenya ishee ammoo ''Rolling Stone'' mata duree jedhuun fiilmii taheera- bara kana gadhiifama.
Gaazexessituu
Yeroo dargaggummaa irraa jalqabuun barreessuu kan jaalattu,Hindaa Abdii Mohaammud seenaa namoota sababa jeequmsaan qe'ee isaanii Somaaliyaa, Hargeessaa jiru gadhiisanii baqatanii barreessuun ol kaa'aa turte.
Amma Gulaaltuu Olaantuu Bilaan yoo taatu biyya isheetti miidiyaa jalqabaa dubartoonni qofa keessa hojjetanidha.
Gareen kun kan hundaa'eef miidhaa lafa hojiitti dubartoota Somaaliyaa irra gahu dura dhaabbachuufi, akka gabaasa Un dhiyeenya baheetti miidhaan dubartoota irra gahu olaanaadha.
Bilaan kaayyoon isaa jlqabaa biyya gaazexeesitootaaf adunyaa kana irraa hamtuu taate keessatti dhimmoota hawwaasummaa irratti hubannoo uumuufi kan baname yoo tahu, Somaaliyaa keessa namoonni HIV qaban dhokatanii jiraatan, albiinoo hawwaasaan qoollifatamanii fi ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabne miidhamaniif dhaabbata.
Hundeessituu Monumentaal Weelshi Woomen jedhamuuti.
Bara 2021 siidaan dubartii ibsuuf Weelshi Woomen jedhu hin turre.
Kanaaf ogeettiin seeraa Helen dhaabbata Monumentaal Weelshi Woomen jedhu banuun bakka bu'insa dubartoonni hawwaasa keessatti qabaniifi shoora isaan bahataa turan mul'isuuf hojjetaa jirti.
Yaada uummataa irraa ka'uun Helenii fi gareen ishee siidaa dubartoota shanii akak seenaan isaanii hin dagatamneef dhaabuuf jedhu.
Hanga ammaatti afur dhaabaniiru- kan jalqabaa hoggantuu mana barumsaa gurraattii jalqaba Weelsi keessatti hojjette Beetii Kaampeli yoo taatu, Kaardiif keessatti dhaabbateef. Itti aansee Eeliyaan Morgaan, Gaara Aash irratti, Kiraanogween Lingraanoon keessatti, Leedii Roodaa ammoo Niw Port keessatti dhaabbateef.
Falmituu qaama miidhamtootaa
Rooksiin muuxannoo jireenya jaalalaa ishee ifatti ibsitee miidiyaa hawwaasaa ishe eirratti dhaabbileen akka addaa qaama miidhamtootaa fi namoota dhukkuba akkasii qaban dhaabbilee tola ooltummaa fi tajaajila fayyaa keessatti akka hammataniif dubbatti.
Hojii aktivizimii ishee keessatti muuxannoo faashinii duraan qabdu fayyadamti. Garee adda addaa fi saba lakkoofsaa xiqqaa keessatti kanneen argaman akka deeggars argatan jajjabeesitee ergiti.
Hundeesituu poodkastii Siik ende Siikeniing jedhamuuti. Seenaa jireenya namoota miidhama qaamaa qabanii akkuma jirutti dhiyeessiti. Dhukkuubbi isaaniitii hanga fayyaa qaama hormaataa tii hanga qaamaa fi ilaalcha saalaa qabaniitti dubbatu.
Akka jaalattuu saala wal fakkaataatti, dubartii qaama miidhamtuu kun cichoominni keessakee isa gad fagootti kan argamuu fi ida'ama waan hundaati. Cichoominni cimanii sirnoota uummata fi namoota akkakoo qoollifatan irratti qabsaa'uudha.
Rooksii Muuree
Barreessituufi hiiktuu
Barreessituu asoosamaa Iraan beekamtuu dha, Shaahrinuush Paarsispar. Hojiiwwan ishee keessatti cunqursaa saal-quunnamtii dubartootaa dabalatee dhimmoota hawaasa keessatti safuu jedhaman akkasumas caasaa saalaan loogu irratti xiyyeeffatti.
Hojii barreessummaa asoosamaa TV biyyaalessaa Iraan keessatti kan jalqabde yoo tahu warraaqsa Iraan bara 1979 dura yeroo waloowwwan rogeessa tahan lama ajjeefamnuun booda hojii gadhiiste. Kanaanis yeroo jalqabaaf hidhaa buute.
Warraaqsa Iraaniin booda hojiinshee yeroodheeraaf biyyattii keessatti dhorkamee ture. Hojiishee Women Without Men jedhu keessatti ifatti waa'ee durbummaa waan barreessiteef hidhaa buuteetti. Haa tahu malee kitaabnishee Iraanuma keessatti gara fiilmiitti geeddarameera.
Paarsipar barreefama ishee keessatti yeroo hidhaa haala dabarsite himti. Bara 1994 irraa qabee biyyaa baqattee Ameerika keessa jiraatti.
Faashinii fi daldalatuu
Kalendistiinaan faashinii walabaa jalqabaa Kuubaatti beekamedha. Uffata isaa gabaa adunyaaf karaa oonlaayinii gurgura.Waayillan kaan wlaiin tahuun Idaaniyaa fa'atu hundeesse.
Kaampaaniin kun kan baname yeroo Raahul Kaastiroo daldalli dhuunfaa akka jajjabaatu hulaa banan ture.
Dubaartoota Haavaanaa jiraataniin irra jireessi diizaayinii isaa hojjetama. Aadaa Kuubaa kan ibsu yoo tahu hoji kalqaaa kan jajjabeessudha. Del Riyoon oomishni kaampaanichaa akka itti fufinsa qabaatu gochuun hojjechaa jirti.
Havaanaa Inistitiyuuf of Diizaayin irraa kan eebbifamte kuusaaleef, tiyaatiraaf fi aayyaanota adda addaaf diizaayinii hojjetti ture osoo faashini ammaa hin jalqabiin dura.
Sirna Awwalchaa raawwachuu
Waggoota sadan darbaniif Poojaa Shaarmaa reeffa namoota maatiin isaanii hin argamnee fuutee awwaalaa turte.
Kaka'umsi ishee kun muuxannoo jireenya ishee keessaa dhufe, yeroo obboleessi ishee ajjeefame sirna awwaalchaa isaa raawwattu namni tokkollee dhaqee ishee hin gargaarre.
Akkaataa amantaa Hinduutti sirni awwaalchaa akkasii dhiirotaan qofa raawwachuu qaba waan jedhamuuf hawwaasaa di luboota irraa mormiin ishee mudateera.
Mormii kana duubatti dhiisuun sirna awwaalcha namoota 4,000 olii amantaa adda addaa keessa jiranii raawwachuun miidiyaa hawwaasaa ishee irratti qoodaa turteetti. Dhalli namaa kabaja isaaf malu argachu qaba jechuun awwaalcha kana raawwatti.
Hundeessituu Suup Kiichen
Mana nyaata itti bilcheessan Suup Kiichen jedhamu moggaasuun dhaabbata namoota 15 sooru kan bante Maargaariittaan har'a guyyaatti namoota 5,000 nyaachisaa jirti. Arjentiinaa keessatti beela irratti qabsaa'uun kan beekamtu Maargariittaan uummata biyyattii miliyoona 46 tahu keessaa %53 hiyyummaa keessa jiraatu.
Naannoo biyyattii keessaa harka qalleeyyiin itti heddumatan keessatti dhalattee guddatte. Bara 1996 Suup Kiichen Loos Piletoonsi hundeessite. Ol guddisuun amma kunuunsa guyyaa, gidduugala yaala fayyaa, mana kitaabaa fi woorkishooppii adda addaa qaba.
Hojiin deeggarsa hawwaasaa ishee kun abboota qabeenyaa fi namoota beekamoo irraa deeggarsa argata. Liyonel Meesin dhiyeenya tiishartii isaa ofii irratti mallatteesse caal-baasiin akka gurgurtuuf kenneeraaf.
Hoggantuu Godambaa
Aadaa Kiriigistaan akka eegamu gochuun Zhaanyiliinzaat waan dursa kennituufidha.
Godambaa aadaa guddaa magaalaa Bishkeek jedhamutti daawwattoota baayyee hawwatu hoogganti.
Qaama hojii tola-ooltummaa ishee keessaa tokko hog-barruu Kiriigistaaniif eegumsa gochuu dha. Kunsi seenaa loltuu saboota 40 tokkomsee Epic of Manas jedhamu dabalata.
Walaloon ajaa'ibaa UNESCO dhaan galmaa'an keessaa tokko bo'oo 500,000 qaba. Kunis Odiseeyi Homeer irraa dachaa 20 dheerata. Hojiinshee kuni artiistoota walaloo qalbiin qabatanii seenessaniif carraa uumeera.
Aktivistii hawwaasummaa
Daawwannaan mana hidhaa Kolombiyaatti taasifte jireenya Yohaanaa Bahamoon jijjiire, namoota carraa lammataa argachuu barbaadan gargaaruuf ishee onnachiise.
Bara 2012 hoji taatoo irraa gara falmituu haaromsa manneen sirreessaatti deebi'uun Faawondeeshinii Accion Interna jedhu hundeessite, dhaabbata miti-mootummaa sirreeffamtoota Kolombiyaa keessaa fi kanneen achii gadhiifamaniif deeggarsa kan kennudha.
Faawondeeshinichi sirreeffamtoota 150,000 tahan manneen hidhaa 132 biyyattii keessa jiran bira gaheera.
Aktivistiin hawwaasaa kun bara 2022 Seera Opprchuuniitii jedhamu akka raga'uuf falmiteetti. Seerichi Yohaanaa Bahamoon Biil jedhamee waamama. Namoonni mana hidhaatii bahan akka carraa hojii argatanii fi dinagdeen of danda'an kan gargaarudha.
Cichoominni rakkoo nu mudate keessaa bahuun gara fuulduraatti imaluurrayyuu kan caaludha. Rakkinicha gara carraa guddinaatti murtoo jijjiiru fudhachuudha.
Yohaanaa Bahaamon
Uffata hodhuufi daldaltuu
Waggaa lama dura Dilooroom osoo oomisha sasaabaa jirtuu alaa ishee mudateen miila ishee lama dhabde. Kun garuu abjuu ishee galmaan gahuu irraa ishee hin dhaabne.
Dubartoonni Uzbeekistaan akka jireenya isaanii fooyyeessan osoo gargaartuu ogummaa biraas barachuu barbaadde. Sana booda kaampaanii uffata hodhu mataa ishee banuun hojii jalqabde.
Ofii ishee waa'ee carraa hojii uumuu fi itti fayyadama qabeenyaa erga barattee namoota 40 ol leenjifte.Ji'oota muraasa keessatti kaampaaniin ishee guddachuun woorkishopi sadii gaggeessuun uffata danbii barattootaa fi hojjettootaaf hodhuuf waliigaltee mallatteessite.
Ergasii hojiin ishee kun ishee fi namoota kaaniif madda galii tahe.
Ispoorteessituu Jiminaastikii
Medaaliyaa ja'a argachuun Olompiyaanii Biraaziil meedaaliyaa baayyee mo'atte taateetti. Beekamtii addunyaa sagalis argateetti.
Olompiikii Paaris 2024tti Simoon Baayelis- jiminaastii akka addunyaatti meedaliyaa baayyee argatte injifachuun warqii argateetti. Simoon Baayeelis dabalatee dorgomtoonni sadarkaa argatan gadi jedhanii isheef kabaja agarsiisuun viidiyoon waraabame miidiyaa hawaasaa irratti akkaan qoodameera.
Ijoollee saddeet keessaa tokko kan taate Andiraadeen hamma waggaa 10 taatutti Saa'oo Poolootti lafoo adeemaati shaakalti ture. Haatishee ammoo mana namaa qulqulleessiteeti leenjisheef kaffalti ture.
Beekamtiin ishee madaa baayyee keessa akka darbite agarsiiseera. Fayyaa sammuuf dursa kennuun akka barbaachisu ifatti dubbatti.
Cichoominni wantoota nurratti raawwatan akkamiin akka to'annoo fi yeroo haalonni hammaataa deemanitti waan gaarii irraatti arguuf waayillan koo gargaaruu waliin kan walitti hidhatedha.
Rebeekaa Andiraadee
Atileetii Tiraakii fi dirree
Aliisan Feeliksi edaaliyaa Shaampiyoonshiippii Adunyaa 20 fi medaaliyaa Olompikii 11 mo'achuun atileetii tiraakii fi dirree keessaa milkaa'ina addaa goonfattedha.
Erga dhibee yeroo ulfaa ishee mudate [Pre-eclampsia] ishee mudatee fi intala ishee yeroo dahumsaa osoo hin gahiin deessee, fayyaa dubartootaaf falmuu jalqabde. Amma faawondeeshinii Meelindaa Freenchi Geet irraa deegarsa hojiif oolu doolaara 20 argachuun fayyaa dubartoota gurraachaa US keessaaf falmuuf hojjechaa jirti.
Atileetiin sooramabaate kun ganda Olompikii bakka tursiisa daa'immanii qabu kan Paaris 2024 irratti yeroo jalqabaaf bansiisuun gahee guddaa bahatteetti.
Bara kana ammoo Koree Atileetota Olompikii Idil-adunyaa keessatti filamteetti. Kaampaanii ispoortii dubartootaa irratti qofa xiyyeeffat banuunis hojii jalqabsiifteetti.
Cichoominni yeroo ulfaataa keessatti ciminaa fi miidhaginakee akka bahu gootee argamuudha, kufaatii tokko tokkoo ishee galmakee gahuuf akka humnaatti fayyadamuudha.
Aliisan Feeliksi
Taatoo
Taatoon Hooliiwuudii Shaaroon Istoon waggoota darban 30 keessatti iskiriinii irrattis tahe isaan ala dhiibbaa uumaa turte.
Taatoon kuni beekamtiitti kan dhufte bara 1990 keess yoo tahu fiilmiiwwan kanneen akka Basic Intinct, Kaasinoo jedhamaniin badhaas Gooldan Giloob kan mo'atte yoo tahu Oskaariif ammoo kaadhimamtee ture.
Taatoo tahuun alatti Istoon hojii tola ooltummaa gargaraa deeggaraa turte. Kanaanis Looreetiiwwan Noobeeliin beekamtii argachuun badhaasa Peace Summit Award hojii isheen dhukkubsattoota HIV'f taasifteef argatteetti.
Waggaa kana immoo milkaa'innishee badhaasa jalqabaa Golden Globe International Icon Award beekamtii argateera.
Dandamachuun filannoo dha. Akkaataa itti adeemtu ofii filachuu qabda. Gammachuu ykn sodaa filatta.
Shaaroon Istoon
Weellistuu fi barreessituu sirbaa
Weellistuu Paakistaan beekamtuu kan taate Hadiiqaan sagalee ishee miidhagaa fi deeggarsa namoomaa taasiftuun beekamti.
1990 keessa beekkamtii guddaa argatte. Muuziqaa poopii Kibba Eeshiyaa keessatti dubartii beekmatuudha. UNDPtti ammoo ambaasadara tola ooltummaati.
Balaa lolaa bara 2022 Paakistaan mudateen, Hadiiqaan pirojeektii ishee Vaaseelaa -e- Raah jedhamu banuun miidhamtoota Baaloochistaanii fi kibba Punjaab gargaaraa turte.
Maatii qe'ee isaaniirraa buqqa'an gargaaraa kan turte bara darbe qofa karaa pirojeektii ishee manneen jireenyaa 370 miidhamtootaaf ijaartee kenniteetti.
Tekwaandoo qaama miidhamtootaa
Garee Baqattootaa irraa qaama miidhamtuu yeroo jalqabaaf medaaliyaa injifattedha. Zaakiyaa Kudaadaadii Olompikii Qaama Miidhamtootaa bara 2024 irratti seenaa hojjette.
Atileetiin uumamaan irree tokko malee dhalatte magaalaa jireenyaa ishee kan taate Heraat keessatti iddoo jiimii hojjettu keessatti ture umurii ishee waggaa 11'n dhokattee tekwaandoo shaakaluu kan jalqabde.
Taaliibaan bara 2021 aangootti deebinaan Olompikii Tookiyoo irratti akka hin dorgomne dhorkamte.
Garuu Koreen Olompikii Qaama Miidhamtootaa Idil-adunyaa fi Faransaay gidduugaluun Afgaanistaanii karaa nagaan baafamte. Erga Taaliibaan aangoo qabatee dubartii jalqabaa Afgaanistaan ispoortii keessatti hirmaattes taate.
Imallikoo gara waltajjii Olompikii ofuma isaa cichoomina dubartoota Afgaan,baqattootaa fi dubartii hundaa hima. Abdii kutachuu dhiisuudhaan waan dubartiin hojjechuu hin dandeenye akka hin jirre agarsiifna.
Zaakiyaa Kudaadaadii
Firdiyaa Marsiyaa Kurniyaa barsiifataalee koorniyaa fi amantaa wal qabatanii miidhaa geessisan dura dhaabbachuun isheetti tola, isheen garee baandii Sagalee Beespiroot jedhamu keessatti sagaleessituu fi gitaara kan taphattu yoo tahu hundi isaanii dubartoota hijaaba uffatanidha.
Afaan Sudaanii fi Ingiliffaan kan sirbitu yoo tahu, afaan kunneen Indoonezhiyaa keessatti bal'inaan waan dubbatamaniif yaaddoo barsiifataalee hawwaasa keessatti dhiiironni qofti olaantummaa qaban ibsaafii.
Hawwaasa akka malee amantaa musiliimaa leellisan biratti mormiin isaan mudata, hawwaasni kun yeroo baandii rookii kana qunnaman ilaalcha gaarii hin qabaniif.
Haa tahu malee, waggaa 10 dura mana barumsaa ganda isaanii Lixa Jaavaa, Guraat keessatti jalqabuun bu'a bahii hedduu keessa darbee as gahe. Waggoota 54 booda yeroo jalqabaaf bara kana feestivaala muuziqaa Gilaastonbaariitti argamuun weellisuun baandii jalqabaa Indooneezhiyaa tahaniiru..
Atileetii fiigicha fageenya dheeraa
Injifannoo fiigicha fageenya dheeraan beekamtii goonfatteetti. Keeniyaatti kan dhalatte atileetiin Roomaaniyaa Yohaan Cheliimoo Dorgommii Shaampiyoonshiippii Walakkaa Maraatoonii Awurooppaan medaaliyaa meetii argatteetti.
Ispoortiin garasitti isheen miidhaa dubartoota irra gahu irraa kan ooltedha- Muuxannoo mataashee fayyadamuun miidhaa atileetota irra gahu akka xiyyeeffannnoo argatuuf hojjetti.
Dhaabbata Tiroop Angels jedhamu hundeessiteetti. Atileetota biyya ishee Keeniyaa biroo waliin tahuun erga waayilli isaanii rikardii adunyaa harkaa qabdu ture Agnes Tiroop bara 2021 ajjeefamtee hundeessan. Miidhaa dubartoota irra gahu dhaabsisuuf hojjeta.
Bara kana ajjeechaan Riibqaa Chepeetii irratti hiriyyaa ishee duraaniin dhaqabe akka ajjeechaa dubartoota irratti raawwatu irratti tarkaanfiin fudhatamuuf waamicha godhan taasiseera.
Jijjiiramni dhugaan kan eegalu yeroo dhukkubbiin narra gahe xumura jireenyakoo miti jennee amannudha. Jalqabbii waan guddaa tokkoo.
Yohaan Cheliimoo Meelii
Artistii fi rogeettii jijjiirama qilleensaa
Haqa jijjirama qilleensaaf falmiti, ogeettii muuziqaati fiilmiis ni hojjetti. Kittaana dubartootaa dabalatee kunuunsa naannoo irratti duula geggeessiti.
Dokimantarii The Great Green Wall jedhamu tattaafii Afrikaan babal'ina gammoojjii toa'chuufi lafa naannoo Saahelitti manca'ee bade iddootti deebisuuf taasiftu agarsiisu qopheessiteetti. Naannoon kuni kibba gammoojii Sahaaraatti kan argamu yoo tahu bahaa-dhihaatti biyyoota 12 qabata.
Damee UN gammoojjummaa qolachuuf hojjetuuf ambaasaaddara tahuun hojjetti. Moojaan hawaasa jijjiirama haala qilleensaan miidhamaniif sagalee tahuun hojjetti.
Dhaabbata Code Green jedhamu kan hojii gaarii jabeessuudhaaf teeknoloojiifi geemii fayyadamu waloodhaan hundeessiteetti.
Rakkoo dandamachuun dandeettii dubartootaa akka isaan furmaata fidaniif jajjabeessuu dha.
Innaa Moojaa
Weellistuu
Weellistuu fi barreesituu sirbaa Gaabiin kan isheen hedduu beekamte badhaasa Giraamii ramaddii sirboota Laatinii 'Best Latin Pop' jedhamuun bara 2024 mo'atteenidha.
Afaan lamaan kan hojjette yoo tahu, yeroo weeddistu, lubbuu kan bashannansiisu, aadaa biyyichaas haala gaariin kan ibsudha.
Meereenoon lammii Guwaatamelaa jalqabaa amabaasadara Unicef tahuun mirga daa'immaniif falmitudha.
Tibbana duula jalqabuun akka ijoolleen mana barumsaa galan gochuuf hojjechaa jirti. Ijoolleen dhiiraa fi dubaraa miliyoona 2.7 tahan carraa barnootaa malee jiru.
Weellistuu muuziqaa Afrooti
Weellistuu fi barreesituu No'elaa Wiyaalaa Niwaadii maqaa wal tajjii ishee Wiyaalaa hiikni isaas ''nama hojii'' jedhamuun beekamti. Kun afaan dhaloota ishee Sisaalaa jedhamuunidha.
Faashinii fi ufannaa adda kan beekmatu artistii kun aadaa naannoo dhaloota sihee Kaaba Gaanaa agarsiisuuf uffata waltajjii irratti uffattu ofumaan diizaayinii isaa hojjetti.
Sirbi ishee baa'een miidhaa Afrikaa keessatti dubartoota irra gahu ibsa. Wiyaalaan dhaabbata UN waliin hojjetti. Akkasumas mootummaa Gaanaa waliin tahuun heeruma umurii malee hanbisuuf hojjetti.
Akkasumas gidduugala aartii banteetti. Manaagaalaa ishee Funsi jedhamu keessatti aadaa hojii jajjabeessuf jecha mana nyaataa fi buufata raadiyoos banteetti.
Xiyya darbachuu
Bara 2019 jaalalleen ishee mana keessatti miidha airraan gahe. Tireesii Oottoo ija ishee tokko dhabuun mormaa gadi ammoo laamshoftee hafte. Duraan modela dhaabbii qaamaa gaarii kan turte Tireesiin ergasiis jireenya ishee sanatti deebi'uu barbaadde.
Bara 2021, Caamsaa keessa ispoortii takkaa yaaltee hin beekne hojjechuuf murteessite. Xiyya darbacuu. Xiyya jalqaba darbatteen bakka qiyyeeffanna aishee sana waraante. Kanumaan jaalatte.
Bara kana Oottoon Paarisitti dorgomte. Dorgommii qaama miidhamtootaa jalqaba aisheeti. Qaamni ishee miidhamee waan jiruuf afaan isheetiin ture xiyyicha kan gadhiistu.
Waggoota shanii as Oottoon kanneen manatti miidhaan irra gahuuf falma ajirti.
Yeroo sadii medaaliyaa Olompikii kan mo'atte, ispoortessituun buunyaa Indiyaa biyya ishee keessatti milkaa'ina guddaa dubartii argattedha. Ilaalcha hamaa dubartoota ispoortii keessa jiran irratti jiqu qeequun beekamti. Shaampiyonshiippii Adunyaa irratti medaaliyaa argatteetti, Dorgommii Komanwelzii fi Eeshiyaa irrattis injifateetti.
Barana ammoo dorgommii buunyaan dubartii Indiyaa jalqabaa xumura Olompikiif geesse taate. Dhumarratti garuu sababa ulfaatina isheen taphichaan ala taate. Booda ispoortii irraa soorama bahuun siyaasa jalqabde.
Qoollifannaa koorniyaa irra jiru irratti dubbachuun kan beekamtu Poogat mormii ji'a tokkoof Indiyaa keessa hogganaa federeeshinii buunyaa Biriij Bushaan Siingi irratti gaggeeffame irratti adda durummaan hirmaatteetti. Dubartoota irra miidhaa saalaa dhaqabsiisuun himatama. Inni garuu ni haale.
Yeroo poolisiin biyyattii Poogat hidhu dhimmichi dubbii ijoo tahuun hiriira nagaa guddaa biraa akka gaggeefamu sababa tahe.
Kufaatii lafa hojiikeetti guyyaa si mudate keessaa of kaastee ammas simboo fi jabina ofiif kennuun cichominadha.
Viinesh Poogat
Weellistuu
Reey badhaasa Biriitish wallee barreessuufi walliisuun badhaasota kaadhimamtee torba keessaa jaha mo'achuuniifi dubartii barreessituu wallee waggaa tahuun seenaa dalagde.
Bara 2021tti waggaa torbaaf albamashee gadhiisuuf dhaabbata muuziqaa qindeessu Pooliidoor jedhamu wajjin rakkachaa akka turte miidiyaa hawaasaa irratti barreessite.
Bara 2023tti wallee jalqabaa My 21st Century Blues gashiistee maqaafi maallaqaan ittiin milkoofte.
Indaastirii muuziqaa fi alatti bu'aa bahii keessa dabarsite ifatti dubbatti. Miidhaa saalaa, fayyadama qoricha sammuu hadoochuu, waa'ee qaamashee akka malee yaadda'uu fa'irratti yaadashee kan qooddu yoo tahu barreessitoonni wallee kaffaltii fooyya'aa akka argatan gaafatti.
Taatoo
Taatoon Heend Saabriin siniimaa Arbaa keesstti dubartoota beekaman keessaati. Fiilmii mirga dubartootaaf falmu Silences of the Palace(1994) cunqursaa saalaafi hawaasaa dubartoota Tuuniziyaa irratti raawwatu agarsiisa.
Feestivaala Fiilmii Viinasitti bara 2019tti dubartii Arabaa jalqabaa daanyaa tahuun hojjette taateetti.
Dhihoo kana ammoo fiilmiia Ofa's Daughter jedhamu irratti kan hojjette yoo tahu fiilmichi Tuuniziyaa irraa badhaasa Oskaarii 2024 warreen calalaman keessati. Dokimantarii Filatamaafis kaadhimamee ture.
Gaazaa keessatti beelli akka meeshaa waraanaatti oolaa jira jechuun ambaasaaddarummaa UN keessaa qabdu Sadaasa keessa gadhiifteetti.
Irraa hafuu qofa osoo hin taane; wal'aansoo keessa kaayyoo ofii argachuufi deebisanii ijaaruudha...eela gara hojiitti geeddaruu.
Heendii Saabrii
Weellistuu fi qindeessituu
Yeroo sagaleen dubartoota Afgaanistaan uummata fuulduraa dhokfametti, weellistuu Elahaa Soroor faaruu Naan, Kar, Azadii, [Daabboo, Hojii, Bilisummaa] jedhu cunqursitota mirga dubartootaaf dhaamuuf barreesite. Ergaa jajjabinaati.
Kora Dubartoota Afgaan Hundaa- All-Afgan Women, Albaaniyaatti qophaa'e irratti gadhiifame.
Jireenyaa fi hojii ishee fiilmii, tiyaatirii fi muuziqaa keessatti, artistiin badhaasota mo'atte Elahaan dubartootaaf sagalee tahaa turte.
Elahaan saba xiqqaa biyyichaa Hazaraa irraa dhalattee bara 2009 dorgommii Afaan Star jedhamu irratti hirmaachuun kenna aishee kan barte. Garuu akkamiin muuziqaa keessa galti jedhamtee mormiin irratti ka'eera. Bara 2010 biyyicha gadhiistee baatee.
Qopheessituu sagantaa bashannanaa fi Modelii
Viidiyoo Assume That I Can jedhu irratti Madisan Teeviliin urjii taatee waan mul'atteef viidiyoon ishee bara kana adunyaa fudhateera, qoollifannaa namoota rakkoo guddina qaamaa fi sammuu 'Down Syndrome' jedhamu qaban irra gahu ittisuuf kan hojjetame
Duulli qoollifannaa kana ittisuuuf hojjette kun namoota miliyoona 150 ilaalameera, dhiibbaa uumeefis badhaasa guddaa 'Gold Lion' jedhamu 'Cannes Lions Festival' jedhamu irratti kennamu argateera.
Taatoo fi modelii beekamtuu Teeviliin Torban Faashinii Niw Yoork irratti hirmaatteetti, 'Clinton Global Iitiative' irratti waa'ee hunda hammachuu irratti dubbatteetti, badhaasa addaa Jones Exxeptional Advocacy' jedhamus mo'atteetti.
Sagantaa Bashannanaa badhaasaaf kaadhimame 'Who Do You Think I Am? jedhuu fi Gaaffiilee 21 jedhu podkasti irratti darbu qopheessiti
Cichoomina jechuun yeroo namni na ceeppha'ullee abdii kutachuu dhiisuudha ykn yeroo namni gadi si qabu ykn si dagatu....Waanan itti amaneef ykn hawwaasakoof dhaabbachuudha.
Madisan Teeviliin
Jaappaan keessaa namoota dhiibbaa uuman keessaa tokko kan taate Naa'oomiin dubartoota biyyichaa dhaloota haaraa komedii hojjetaniif karaa saaqxeetti.
Komedii Jaappaan warri dhiiraa to'atan cabsuun dubartoonni akka hojjetan taasifteetti. Dubartiin komedii keessatti taatoo cimtuu tahuun akka garsiiftu taasifteetti.
Dabalataan naa'oomiin Jaappaan keessatti ilaalcha dhaabbii qaamaa ilaalchisee jiru cabsuuf hojjetaa turte. Sochii qaamaa gaarii Poochaakawii jedhamu yoo hiikamu ''dumbushhee fi bareedduu'' jedhu eegaluun hojii guddaa hojjette. Dubartoota fufurdoo Jappaaniif uffata tahuufi biraandi tahe jalqabuun Jaappaan keessatti kan jalqabaati.
TV fi fiilmii Jaappaan keessatti erga milkaa'ina guddaa irra geessee, amma gara US deemuun adunyaa irratti hojii komediin mul'achuuf hojechaa jirti.
Akkamiin akkas cichoominakeen turuu dandeesse? Yeroo hundaa nan yaada. Nan jaalattuu? Tole@ Haa tahu. Waggaa tokko naaf kenni. Yaadakee jijjiiruu nan danda'a. Ilaalcha ani qabu yeroo hundaa kana fakkaata.
Naa'oomii Watanaabee
Dhukaastuu qawwee Olompiikii
Simboofi milkaa'inni ispoortii Kiim Yeejiidhaan barana addunyaa akka irratti xiyyeefatu godheera.
Shugguxii iddoo qiyyaafatameetti dhukaasuun Olompiikii kan dorgomtu Kiim Olompiikiishee jalqabaan meetira 10 qilleensarraan Adoolessa darbe meedaaliyaa meetii argatteetti. Ji'oota muraasaan dura ammoo kan meetira 25 rekardii addunyaa dubartootaa cabsiteetti.
Viidiyoonshee miidiyaa hawaasaa irratti akkaan qoodamaa kan ture yoo tahu dandeettiishee qofa osoo hin taane xiyyeeffannoo hatamuu hin dandeenye kan fuulasheerraa mul'atu leelloon akka yaa'uufi godheera.
Kiim Yeejii waa'ee ittigaafatamummaa haadha tahuu waliin dhufu dubbachuun daa'imashee waggaa ja'aa wajjin dabarsuuf jecha boqonnaa akka fudhattu himeteetti.
Karaa ispoortii cichoomina, hojii garee, fi kutannoo agarsiifna- Akka yaadakootti, dirree keessatti taphachuun garasitti, jijjiirama hawwaasaa fiduuf gahee olaanaa qaba.
Kiim Yeejii
Daariktera fiilmii
Kiloon dubartii gurraattii yeroo jalqabaaf hojii daarikterummaa fiilmiin badhaasa Oskaar mo'attedha. Seenaa keessatti ammoo dubartii sadaffaadha. Akkasuams barreessituudha.
Beejiingitti kan dhalatte Kiloon UK fi UStti imaluun achi jiraataa turte. Ofii ishee Nomad jechuun of wamati. Fiilmiin ishee badhaasicha mo'ate Nomaadland [2020] jedhama.
Fiilmii ishee gara jalqabaa keessatti hawwaasa ganamaa bakka bu'uu hanga Maarvel Yuunivarsi keessatti fiilmii ammayyaa daariketi gochuutti kan hojjette Kiloon akka dhala namaatti waan walitti nu hidhu irratti xiyyeeffachuu jaalatti.
Bara kana ammoo asoosama bara Sheekispiir keessatti kan jedhamu Hamnet fiilmii Maagii O'Faarel jedhuun daarikti gochaa jirti. Bara 2025 keessa gadhiifama.
Yoo amma caasaa indaastirii amma keessa hojjechaa jirruu hin jijjiirre, gatiin keenya akkuma kan warra dhiiraa tahuu qaba jechaa jirra. Aangoo fi humni nuyi qabnu bakka sanadha jedhee hin amanu..
Kiloo Zhaayoo
Taphattuu minjaala Teenesii
Taphattuun minjaala teenesii lammii Chaayinaa fi Chiilii taate Zhiingi [Taaniyaa] Zheengi, umurii ishee waggaa 58'n dorgommii Olompikii ishee jalqabaa paaris irratti hirmaatte.
Yeroo dheeraa booda waan dhugoomedha. Haati ishee leenjistuu ishee turan. Umurii ishee waggaa12'n taphattuu pirofeshinaalaa teenesii taatee turte. Garee biyyaalessaa Chaayinaafis darbiteetti garuu boodarra gara Chiilii deeman. Hojii biizinasii irratti xiyyeeffachuuf jecha ispoortii teenesii waggoota 30 oliif dhiiste.
Weerarri Covid-19 Zhiingi [Taaniyaa] Zheengi akka gara dorgommii teenesiitti deebitu ishee godhe.
Bara 2023 dubartoota Chiilii keessaa ispoortiidhaan dubartii jalqaba irratti maqaan ishee ka'u taate. Dorgimmii shaampiyoonshiippii Ameerikaa Kibbaa fi Paan Ameerikaa jedhamu irratti gaggeeffame irratti Chiilii bakka buutee hirmaatte. Isa irrattis abjuu ishee yero dheeraa kan ture dorgommii Olompikiif darbite.
Miidhaa saalaa waraana keessatti dhaqabu mormiti
Dhaabbata Istraatejik Inisheetiiv for Woomen jedhu Gaanfa Afrikaatti daarikteeradha. Barreessituu fi aktivistii kan taate Haalaan naannicha keessatti miidhaa saalaa dhaqabu mormiti.
Erga waraanni Sudaan banamee Eebla 2023, SIHA, miidhaa waraana keessatti dubartoota irra gahe hordofuun deeggarsa dubartootaaf kennaa ture.
Onkoloolessa bara 2024 UN gabaasa baaseen ''miidhaa olaanaa'' gahaa jira jedhee kanaaf ammoo Humna Dafee Dhaqabaa RSF himate. Garichi garuu ni haale.
Adoolessa bara 2024 keessa haleellaa saalaan dubartoonni miidhaman 400 tahan deeggarsaaf gara dhaabbatichaa argamaniiru. ''Kun isa dhaqabe waliin yoo ilaaltu ishee baay'ee xiqqoodha.''
Hoggantuu paartii Conservative
Hoggantuu paartiii Conservative tahuun Sadaasa darbe filamte. Keemii Baadeenooch dubartii gurraatti jalqabaa paartii siyaasaa UK ijoo hoggantus taatetti.
Yeroo ammaa UKtti miseensa paarlaamaa Kaaba-Lixa Esseekis dha.Kanaan dura hoggantuu waajira daldalaa akkasumas ministira, minsiteera dubartootaafi wal-qixxummaa tahuun tajaajilteetti.
Baadenoosh Landanitti maatii Naayijeeriyaa irraa dhalattee, Naayijeeriyaa, Leegoosiifi Ameerikaatti guddatte. Yeroo ganna 16 haala diinagdee Naayijeeriyaa tureen gara UKtti deebitee saayinsii kompitaraafi seeraan digriishee qabatte.
Hojii siyaasaatti galuun dura, hoggantummmaa baankii Koowutis hojjetteetti akkasumas daarektara baruullee dijitaalaa The Spectator jedhamuus turte.
Aktivistii fi hakiima fayyaa
Dubartoota dhibbaan lakkaa'aman Paakistaan keessatti hiriira bahuun Balochistaan keessaa nama ukkaamsiin dhabamsiisuun akka dhaabbatuuf falman keessaa Maahiraangiin tokko turte.
Haqaaf falmuun ishee kun kan eegale bara 2009 abbaan ishee humna tikaan fudhatame waggaa lama booda ajjeefamee argamuu isaa hordofeeti. Ajjeechaan isaa miidhaa irraan gahe irraa akka tahe hubatame.
Xumura bara 2023 keessa, Baalooch dubartoota dhibbaan lakkaa'aman KM 1,600 gara magaalaa Islaamaabaditti baasuun abbootiin warraa isaanii eessa akka jiran akka gaafatan gochaa turte. Yeroo imalaa kana si'a lama hidhamte.
Jiraattonni naannoo Baalochistaan bakka sabboontonni itti heddumatanii fi mormiin baay'atu keessaa maatiin isaanii tika mootummaan fudhatamanii ajjeefamu jedhu. Qondaalonni Islaamaabaad ammoo kana ni haalu.
Kana irraa ka'uun ogeettiin fayyaa kun falmituu mirga namoomaa fi siyaasaa tahuun Baloch Yakjehiti [Tokkummaa] jalatti socho'uu eegalte. Hojiin ishee mirga namoomaaf falmuun hojjette beekkamtii argachuun namoota dhiibbaa uuman Taayimsi 100 bara 2024 keessa galteetti.
Mirga dubartoota hojii saal-qunnamtiin bulaniif falmiti
Birzzali keessatti mirga dubartoota daldala saal-qunnmatiin bulaniif falmaa turte. Duula hedduu gaggeesiteetti.
Duula jalqabaa Belen do Paaraa naannoo Amaazon keesstti jalqabde. Waldaa Dubartoota Daldala Saal-Qunnamtiin bulanii, Biraaziliyaan Network of Pirostitiyuut jedhamu hundeessite. Laatin Ameerikaa keessatti mirga isaaniif falmuun beekama.
Baareetoon amma umuriin ishee 80 keessa jiru waggootaaf qoollifannaa isaan irra gahu falmuun dabarsite.
Biyyasheetti imaammata ittisa HIV akka bahu taasifteetti. Babal'ina isaa ittisuuf duula gaggeessaa turte. Bara 2023 kitaaba seenaa ishee maxxansite
Mee seenaan jireenya keenyaa gatii haa argatu akkasumas hin callisnu. Nuyi dubartoonni adunyaa kanarraa abjuu, milkaa'inaa fi hawwaasa jijjiiruuf humna guddaa qabna.
Loordes Baareetoo
Sirreeffamtuu duraanii fi nama siyaasaa
Hagayya darbe keessa akka adunyaatti sirreeffamtoota wal jijjiirraan taasifame isa guddaa jedhamu keessatti namoota 26 gadhiifaman keessaa tokko. Erga bilisummaa ishee argattee Raashiyaa gadhiistee baate.
Chaansheevaan Waajjira Paartii Mormituu Aleeksiyaa naavalaanii naannoo Baashkoortosan keessaa hogganti ture.
Isa dura Mooskoo keessaa dhaabbilee idil-adunyaaf dhimma faayinaansii irratti gorsa kenniti ture.
Bara 2021 yakka finxaalessummaan himatamtee hidhaa seente. Waggaa sagalii fi walakkaan itti murtaa'ee waggaa lamaa fi ji'a sagal hidhamtee baate.
Falmituu mirgoota dubartootaa
Gaazexeessituufi rogeettiin warra Kuurdhish Ziinaa Moodaarees Goorjii waldaa dubartootaa Zhivaanoo jedhamu bara 2019tti hundeessite. Kunis barumsa, mormii fi deeggarsa fayyadamuun haleellaa dubartoootaa hir'isuuf hojjeta.
Warraaqsi Dubartii, Jireenyaafi Bilisummaa Iraan jedhu erga jalqabee al lama hidhaa buuteetti. Moodaarees Goorjiin jalqaba ''duula farra mootummaa'' taasifte jedhamuun hidhaan waggaa 21 irratti murtaa'e ture. Yeroo ammaa hidhaan ishee hir'ifamee waggaa lama taheeraafi.
Moodaarees Goorjii miseensa duula mallattoo miiliyoona tokko walitti qabuu, Iraan keessattii seerri dubartoota loogu akka foyya'u gaafatu keessa turte.
Garee suuraa dubartoota Kuurdish duuba jirti. Gareen kuni poodkaastii fi kitaaba daa'immanii seenaa dubartoota Kuurdish jajjaboo tahan seenessa.
Bulchituu gandaa fi kunuunsa bosonaaf kan falmitu
Lixa Tarkiitti dhiyeenya naannoo Ikizkooy jedhamutti bulchituu tahuun filatamte. Qonnaan bultuu yoo taatu waggoota kudhan darbaniif mancaatii bosonaa hanbisuuf qabsoofti.
Yeroo bosonni Akbelen albuuda dhagaa cilee baasuuf jecha balaarra bu'etti, ishee fi dubartoonni naannoo ishee himata banuun mormiis gaggeessaa turan. Silaa albuudicha baasuuf jecha bosonichi ni manca'a.
Yeroo duula eegumsa naannoo gaggeessan sana walitti bu'insi hamaan finciltootaafi poolisoota gidduutti mudateera. Garuu Isiikii fi gareen ishee cichanii dhaabbachuun doorsisaa fi sodaacjisa irra gahe dandamachuun mormaniiru, [eeyyama malee bosonichayyuu aluun isin adabsiisa hanga jedhamanitti, booda garuu ni haqame.
Duartoonni qe'ee jiran, dirreetii lafa hojii jiran, daandii irra jiranii fi rakkoo keessa galan...isaantu adunyaa miidhaksa. Shaakkii tokko malees isaantu adunyaa kana oolcha.
Nejlaa Isik
Walqixxummaa koorniyaaf falmuun bara kana shaampiyoonaa tahuun beekamti, Amajji darbe taa'umsa paarlaamaa mo'achuun dubartii jalqabaa Taayiwaan keessatti LGBTQ taatee taa'umsa paarlaamaa argatte taate.
Yeroo hojii siyaasaa isheetti haaromsa gurguddaa fiddeetti, isaan keessaa mirga dubartii abbaa warraa hin qabnee fi leezbiyaanii, dubartoota wal fuudhan dhala godhachuu yoo fedhan yaala isaa akka argataniif akka eeyyamamuufi mootummaan wantoota yeroo laguuf barbaachisan namoota galii gadi aanaa qabaniif akka dhiyeessuuf taasifteetti.
Bara 2023 erga ifatti of ibsitee miidhaa hedduu keessa darbuu ishee himte. Viidiyoo poornoogiraafii sobaan miidhamuu dabalatee miidhaa saalaa gama dijitaalaan dhaqabu dura dhaabbachuuf akka seerri dhimma kana irratti jiru jabaatuuf falmaa turte.
Cichoomina dhugaan kan jiraatu daneessummaa keessadha- Akkuma sagalee namoota adda addaa ofitti hammanne jabaachaa deemna- Keessumaa warra yeroo tokko dadhaboodha jedhaman, dubartootaa fi LGBTQ+
Huwaangi Jaayi
Falmituu mirga godaantotaa
Ameerikaa keessatti dhimma sanyummaa fi siyaasaa irratti kan hojjettu Guurliin, mirga godaantotaaf falmiti.
Hundeessituu Dhaabbata dubartoonni qofa gaggeessan Haayitaan Biriij Alliyaansii, kan uummata hidda dhaloota Afrikaa qaban irratti hojjetuuti.
Hoggansa ishee jalatti bara kana himata yakkaa Doonaaldi Tiraampi irratti bananiiru, kunis himata bu'uura hin qabne godaantota Haayitii 'Sarootaa fi adurree namaa nyaatu,'' jechuun Ohaayoo, Ispiriingifiilditti dubbate irrattidha.
Yooseef dhimma godaantota Haayitii biyyaa baafamu jedhamnaii irratti dubbachuu fi mormuun beekamti. Bulchiinsi Baayiden lammiilee Haayitii jeequmsa baqachuun koolugaltummaa gaafatan akka gara biyya isaaniitti hin deebisneef karaa dhaabbata ishee gaafataa jirti.
Rogeettii aadaa
Hundeessituu waloo wal-tumsa aadaa Cultural Solidarity yeroo weerara koronaa jalqabeeti. Daani'eel Kaantoor maatiiwwan Tel Aviiv keessa jiraniif nyaataafi deeggarsa kenniteetti.
Almaa Beek waliin tahuun wiirtuu iddoo namoonni wal arguun dhimma garagaraa irratti falmii geggeessan, sagantaa aadaa hirmaataniifi agarsiisa dhiyeessan hundeessiteetti.
Kitaaba artii Spreads jedhamu aadaa nyaataa fayyadamuun siyaasa eenyummaa hawaasa Israa'eliifi Filisxeem agarsiisu barreessiteetti.
Miseensota kaan iddoo tokko taa'anii hamma gaaffiin keenya deebi'u hin kaanu jechuun mormii dhageessisan Women Peace Sit-in waliin Kaantor mormiiwwan Baha Gidduugalaatti waliigalteen dhukaasa dhaabuufi waliigalteen nagaa waaraawaa akka dhufu gaafatan irratti hirmaateetti.
Dubartoonni gara-laafummaa uumamaan qaban yoo barre, haqa dhabiinsa caasaa keessa jiru hubachuun dabalataan gara fuulduraaf furmaata dhahuu dandeenya.
Daani'eel Kaantor
Marsaa shanaffaaf isteetii Maayinii kan bakka buutee tajaajilaa jirtu Suuzaan Kooliinsi dubartii Rippaabilkaanii seenaa Seeneetii keessatti yeroo dheeraaf tajaajilte taateetti.
Seerota bahan dabarsuu keessatti paartilee kaan wlaiin hojjeta aturteetti. Senaateroota jaha wixinee fayyaa dubartootaa irratti xiyyeeffatuu fi qorannoo waggoota shaniif dhimma yeroo laguu dhaabachuu, yaalii fi hubannoo uumuuf baajata doolaara miliyoona 275 argamsiisu 'advaancing Menopause and Mid-Life Womens's Health' jedhu dabarsiteetti.
Suuzaan Wixinee pirojektii Biyyaalessaa Alazeemirsi raggaasifteetti. Dhibee Allzeemirsi yaaluufi ittisuuf oola. Hnaga bara 2035tti pirojektichi fandii akka argatuuf hojjechaa jirti. Namoota tajaajila gaha hin arganne fi dhibee guddina sammuu Doonsi Siindiram jedhamu qaban xiyyeeffannoo keessa kan galchedha.
Ogeettii seeraa
Waa'ee seeraa fi haqaa irratti hojjechuu jaalatti. Dhaabbata Gidduugala Ameerikaatti dimokiraasii dagaagsuuf hojjetu Kiristoosal keessatti ogeettii seeraati.
Farra malaammaltummaa, seera filannoo fi Kabaja mirga namoomaa El Saalvaador keessaa irratti hojechuu barbaaddi.
Mootummaa fi dhaabbilee isaa qeequun kan beekamtu Ruut, iftoominni isyaasaa akka jiraatuu fi itti gaafatamummaan akka jiraatuuf duula gochaa turte.
Hojiin ishee jalqaba bara kanaatti yeroo pirezidaantiin biyyattii Nayib Bukellee yeroo lammaffaaf filaman beekame. Pirezidaantichi yakka ittisuu irratti waan cimsee hojjeteef jaalatamummaan isaa dabale. ''Mootummaa Abbaa Irree tasgabbaa'aa Adunyaa'' jechuun of waama.
Nama siyaasaa
Umurii waggaa 22 Haannaa-Rawiitii Maa'ippii-Kilaarki, dubartii Ma'oorii yeroo jalqabaaf paarlaamaaf filatamte taate.
Yeroo dubbii taasisaa turte, shuubbisa haakaa agarsiisaa turte, shuubbisa aadaa Ma'ooriiti, sagaleen uummata ganamaa laficharra turanii kana caalaa dhagahamuu akka qabu dubbatte. Akkasumas sochii dhiyeenya paarlaamaan akka wixinee falmisiisaa hin dabarsine taasisa dursiteetti.
Maa'ippii Kilaarki mirga uummata Ma'ooriif falmiti, aadaan isaanii akka eegamu, dhimma eegumsa naannoo dabalatee. Umurii ishee waggaa 17'n waa'ee kalaandera uummata Ma'oorii irratti kitaaba ishee jalqabaa maxxansite.
Siyaasa keessatti sagaleen dargaggoota uummata ganamaa akka dhagahamu gochuu fi injifannoo argatteen badhaasa 'One Young World Politician' jedhu argatteetti.
Siyaasa keessatti dubartoonni balbaloota isaanitti cufaman kamuu, biyyaalessa, naannoos tahe akka adunyaatti balbala isaa dhiitanii galuu qabu jettee amanti.
Haannaa-Rawiitii Maa'ippii-Kilaarki
Aktivistii Imaltoota Ayerlaandi
Umuriin ishee waggaa 20, garuu falmituu mirga hawwaasa imaltoota Ayerlaandi jabduu tahuun beekamti.
Isheenis isaan keessaa tokko yoo taatu qoollifannaa hawwaasa lakkoofsaan xiqqaa Ayerlaandirra gahu dhaabsisuuf falmiti, miidhaa dubartootaa fi shamarran irra gahu dura dhaabbachuuf sagalee sihee fayyadamti.
Yuunvarsiitii Gaalweyitti barattuu seeraa kan taate Kaakiruuden Miseensa Fooramii Sosochii Dargaggoota Hawwaasa Imaltoota Biyyaalessaa Ayerlaandi tahuunis hojjetti, akkasumas miseensa Mana Maree Dubartootaa Ayerlaandii fi miseensa Gargaarsa Imaltootaa, Miinkersi Wiiden jedhamuuti.
Filannoo bara 2029 irratti dorgomuun fuulduree Ayerlaandiif gaarii gochuuf akak falmitu amanti.
Ogeettii seeraa mirga namoomaa
Ijoolleen hospitaala Joosee Maanu'eel de Loos Riyoos Karakaas keessaa irra caalaan isaanii maatii harka qalleeyyii fi kan haadha ykn abbaa qofaan guddifamaa turan irraati.
Dhaabbanni miti-mootummaa Pireparaa Familiyaa Kaateriin Maartineziin hundeeffame. Wantoota bu'uuraa akka uffata, qorichaa fi nyaataa dhiyeessaafi. Akkasumas deeggarsa xiin-sammuu kennaafii.
Akka ogeettii seeraa tokkootti Kaateriin miidhaa fi sarbama mirga namoomaa ijoollee fi dubartoota irra hospitaalicha keessatti gahu garee ishee waliin tahuun galmeessitee keessi. Sabbani isaa akka miidhamtoonni beenyaa argatniif.
Rakkoo hanqina nyaata madaalamaa guddaan Venezuweelaa keessa waan jiruuf dhaabbanni ishee Pirepara Familiyaa gidduugala tokko banuun ijoollee fi dubartoonni ulfaa akka nyaata madaalamaa bilisaan argatan taasisa.
Ogeessa albuudaa
Hojii biizinasii albuudaa baasuu Koongootti, Aanee Sinaanduukuu Miwaangee haleellaa saalaa dubartoota irra gahuu fi wal qixxummaa dhabamuu irratti qabsoofti, irra caalaa namoota albuuda baasanii ammoo dubartootadha.
Ofii ishee akka hoggantoo tokkittii ykn haadha hoggantuu Walitti Hidhaminsa Albuuda Baasuu Biyyaalessaa 'Renafem jedhamuutti of ilaalti, Dubartoota irra akka miidhaan hin geenyeef hoggantoota isaan gooti.
Jireenya dubartootaa irratti investi gochuun qisaasama humna ijoollee dhaqabuus hir'isa, konkolaataan elektirikaan hojjetu waan barbaadamuuf gabaan koobaaltii fi albudota kaanii dabalaa jira.
Warreen miidhaa haleellaa saalaa irraa oolaniif sagalee tahuun falmiti. Badhaasa Noobelii Nagaa kan mo'atte Naadiyaan Iraaq keessatti duguuggaa sanyii Yaziidii irraa kan ooltedha. Bara 2014 garee Islaamik Isteet ofiin jedhuun duguuggaan sanyii isaanirratti raawwate.
Hidhattoota IS 'n qabamtee ture. Garboomfamtee gudeedamaa fi miidhaa adda addaaf saaxilamte eture. Ji'oota sadiin booda Muraad isaan jalqaa miliqxe. Ergasii naannoo nagaan hin jirretti miidhaa dubartoonni argan adunyaatti beeksisaa turte.
Ogeessa seeraa mirga namoomaa Amaal Kiloonii waliin tahuun IS itti gaafatamaa gochuun inisheetivii Naadiyaa jalqabsiisuun deebisanii hawwaas aisanaii miidhame ijaaraa turan. Warreen lubbuun oolanis akka naannichaa baafamaniif sagalee tahaafii turan.
Duguuggaa Sanyii Yaaziidii waggaa kudhaniin booda, Naadiyaan adunyaa irratti mallattoo cichoominaa tahuun itti fufteetti.
Waan ani 'meeshaa waraanaa afuuraa' jedhee waamu fayyadamuun wal qixxummaa fi haqaaf falmuu qabna: Dhugaa, Abdii fi Jaalala.
Naadiyaa Muraad
Daneessummaa fi hammattummaaf falmiti
Yugaandaa keessatti jaalattoota saal wal fakkaataa tahuun yakka, hidhaatiin nama adabsiisa- Kaashaa Jaakuuliin ammoo seerota LGBTQ+ irratti bahan jijjiirsisuuf falmiti.
Isheen akka dubartii Gey taate tokkootti, Afrikaa keessaa qoollifannaa jaalattoota saala wal fakkaataa LGBTQ+ irra gahu falmuun beekamti.
Gaazexaa fi mootummaa Yugaandaa seera farra jaalatootta saal wal fakkaataa baase irratti himata banteetti. Yeroo lama mana murtiitti dhiyaachuun mootummaa Yugaandaa kan falmite yoo tahu bara 2023 akkasuma dhiyaayyee falmiteetti.
Nikumbaa Yuunvarsiitii irraa digirii jalqabaa ishee biizinasiidhaan argatteetti. Akkasumas Staanfoordi Yuunvarsiitii irraas barachaa jirti. Ammoo fooramoota gurguddaa UN, Paarlaamaa Awurooppaa fi Komishinii Afrikaa irratti dhiyaachuun waa'ee kanaa dubbattaa turte.
Gudeeddii irraa kan hafteefi falmituu
Eenymmaanishee otoo hin dhoksiin seenaanshee addunyaa akka qaqqabu eeyyamuun Giseel fakkeeya ija jabaachuufi dandamachuu taate.
Abbaan warraashee duraanii qoricha kenneefi otoo wal-fuudhanii jiranii ishee gudeeduu akkasumas dhiiroti kaan akka ishee gudeedan bobbaasuu amaneera.Gudeeddiiwwan raawwatan jedhaman viidiyoon waraabamaniiru.
Seeraan Giseel eenyummaashee himuu dhiisuuf mirga qabdi. Haa tahu malee dhaddachi kuni banaafi ifaa akka tahu gaafatte. viidiyoowwanis akka mul'ataniifi himatamaan akka ''qaana'u'' murteessite Dhiirota 50 keessaa muraasni gudeeddii raawwachuu yoo amanan, kaan garuu saal-quunnamtii qofa raawwachuu himan.
Dhaddachi murtoo sadarkaa dhumaaf yeroo gahaa jirutti akkaoon lammii Faransaayi kuni dubartoota addunyaa baayyeef jajjabina kennite. Dhimmishee seera Faransaay akka geeddarsiisuufi ilaalcha gudeeddii fi eeyyama kennuu irratti jiru akka jijjiiru amanti.
Itti Aantuu Ministira Muummee
Siyaasa UK keessatti iddoo isa olaanaa qabattee kan turte Anjellaa reeynar filannoo waliigalaa ji'a Hagayyaa keessa gaggeeffame irratti Itti Aantuu Ministira Muummee taate
Dhalattee kan guddatte UK, Istookpoorti keessattidha. Reeynar umurii ishee waggaa 16tti waan ulfoofteef barumsa ishee adda kuttee harmee ishee kunuunsaa turte. Kunuunsa hawwaasa naannoo keessa hojjechaa kan turte Reeynar bakka buutuu waldaa daldaltootaa taateetti.
Bara 2015 Paartii Labor jalatti Ashton keessatti mana mareef filatamte- Naannichatti dubartii jalqabaa paarlaamaaf filatamte taate. Isaan booda ministira dhimma dubartootaa fi wal qixxummaa taatees hojjetteetti.
Amma ministira dhimma manneetii, hawwaasaa fi mootummaa naannooti.
Rogeettii hawaasaa
Rogeettiin harka qalleeyyii Aruunaa Rooy hojiishee mootummaa gadhiisuun kallattiin hawaasaa baadiyyaa wajjin hojjetti.
Dhaabbata hawaasa wiirtuu godhate Mazduur Kisaan Shaaktii Saangataan kan iftoominaafi kaffaltii hojii haqa qabeessa hojjetaa irratti hojjetu hundeessiteetti. Bara 2005 seerri lammiileen mootummaa gaafatmaa akka godhan isaan dandeessisu yeroo bahe dhaabbanishee shoora guddaa qaba ture.
Waggoota 40 darabaniif Rooy hojiiwwan hawaasa wiirtuu godhatan dursaa turte kanaansi Noobeelii Eeshiyaa dabalatee badhaasota gargaraa argatteetti.
Pireezidantii Federeeshinii Dubartoota Hindiiti. Bara kana seenaashe mata duree The Personal is Political mataduree jedhuun kitaabaan maxxansiteetti.
Abjuu isa guddaatti qabamnee, abjuu ollaa jiru daganna.
Aruunaa Rooy
Falmituu warra dirqamaan akka dhala hin godhhane taasifamanii
Dhibee serebiraal paalsii jedhamu waliin kan dhalatte Yuumiin, umurii dargaggummaa ishe eirraa jalqabdee qoollifatamaa turte.Yeroo umuriin ishee waggaa 12, dirqamaan akka dhala hin godhanneef gadameessa ishee tajaajila baqaqsanii yaaluun baasan.
Dhuma bara 1950 hanga 1990 keessatti, namoonni dhibee miidhaa qaamaa qaban akka Yuumii Suzukii Jaappaan keessatti dirqamaan akka dhala hin godhanne taasifamu. Seerri kun bara 1996 haqame malee isa dura hojiirra oolaa ture.
Suzuukii fi falmitoonni biroo 38 mootummaa Jaappaan mana murtiitti himachuun falmii waggootaan booda, injifatte. Waxabajji darbe, manni Murtii Olaanaa biyyattii seerichi heeraan ala jechuun mootummaan miidhamtootaaf akka beenyaa kaffaluuf murteesse.
Qondaalonni mootummaa akka jedhanitti, namoonni 16,500 tahan fedha isaanii malee akka dhala hin godhanne taasifamaniiru.
Barsiiftuu fi haala qilleensa baramaaf kan falmitu
Dubartoota gara biraa 2,000 tahan, barsiisota oolmaa daa'immanii fi gorsitoota waliin ho'a jijjiirama qilleensaa waliin wla qabatee dhufuu fi sababa umurii fi saala isaaniin isaanirra miidhaa geessisu kan mootummaan duubatti dhiisee ture falmaa turan.
Ji'a Eeblaa keessa, tarkaanfii mootummaan biyyattii faalama qilleensaa xiqqeessuuf fudhataa jiru gahaa miti jechuun manni murtichaa murtoo dabarse.
Paarlaamaan Iswiizerlaandi murticha fudhachuu baatus dhimma jijjiirama qilleensaa seeraan ilaaluuf bu'uura gaarii kaa'eera.
Falmituu mirga dubartootaa
Chaayinaatti falmituun mirga dubartootaa Feeng Yuhaan hundeessituufi hoggantuu dhaabbata Equality Beijing jedhamuuti. Dhaabbanni kuni bara 2014tti kan hundeeffame yoo tahu fooyya'insa seeraa, ijaarsa dandeettii, toora bilibila bilisaa fayyadamuun haleellaa saalaa ittisuu fa'irratti hojjeta.
Waggoota dhihootiin as dubartoota Chaayinaa miidhamarraa hafan deeggarti, akkasumas iddoo hojiitti akkamiin qoccollaa saalaa hambisuun akka danda'amurratti leenjii kenniti.
Feeng bara 1986-2006 dhimma dubartootaa irratti xiyyeeffachuun gaazexeessummaan hojjetteetti.
Bara 1990 irraa qabee dubartoota, miidiyaa, HIV/AIDS, hoggantummaa akkasumas gahumsa dargaggootaa irratti dhaabota miti-mootummaa garagaraa hundeessuu keessatti hirmaatteetti. Chaayinaafi alatti keewwata garagaraa barreessiteetti, gulaalteetti.
Falmituu namoota butamanii
Falmituu fi haati mucaa qofaa guddistu Einaav Zaanguwaaker ilmishee ganna 24 kanneen gaafa Onokoleessa 7 butaman keessaati. Jaalalleen ilmashee butamtee turte boodarra yeroo hidhamtoota wal-geeddaran baateetti.
Ergasii namoota butamaniif xiyyeeffannoon akka kennamu hogganoota qeequun akkasumas torban, torbaniin hiriira bahuun cichooma agarsiifteetti.
Zaanguwaaker kanaan dura Netaaniyaahuuf sagalee haa kennituyyuu malee mootummaan Israa'el namoota butaman deebisuu dhabuusaatiin akkaan qeeqxi.
Kanneen butamanii fudhataman akka bahaniif waliigaltee dhukaasa dhaabuu gaafachaa jirti.
Falmituu mirga wal-hormaataa
Hagayya 2022 Amaandaa Zuraawiskii bishaan ulfaa dafee dhangalaanaan hakiimonni daa'imnishee akka lubbuun hin hafne itti himan.
Zuraawiskiin Teeksaas keessa jiraatti, ulfa akka hin baasneefis dhorkamteetti. Manni Murtii Olaanaa Ameerikaa seera ulfaa baasuu eeyyamu Roe v Wade dhorkuun ji'a lama dura bulchiinis Teeksaas yoo fayyaan dubartii sanaa balaa jira yoo tahe malee mirga tajaajila kana dhorkee ture. Guyyaa sadii keessatti gaggaba keessa seente jennaani ulfa akka baastuuf kan eeyyamameefi.
Bara 2023 Bitootessa keessa Zuraawiskii fi dubartoonni 19 biroo ulfa akka hin baasne dhorkaman murtoo seeraa Ameerikaa dubartoonni akka ulfa hin baasne dhorku Rose v Wade mormuun yeroo jalqabaaf iyyatan. Manni murtii Teeksaas iyyannaa isaanii kuffise.
Yeroo ammaa mirga wal-hormaataa biyyattii ''deebisuufi eeguuf'' hojjechuuf waadaa seenti.
Falmituu mirga LGBTQ+ fi mirgaa
Bara kana yeroo Taayilaamdi seera wal qixxummaa gaa'ilaa hojjiira oolchite gaa'ila saala wal fakkaataaf beekkamtii kennuun Kibba Baha Eeshiyaa keessaa biyya jalqabaa taatu, Aan sababa itti gammachuushee ibsatteef qabdi.
Paarlaamaan akka seericha dabarsuuf adda durummaan falmaa turte, Mana Maree fi seneetii keessatti namoota seericha madaalan keessa galuun hojjetteetti.
Baadiyaa Kibba Taayilaanditti dhalattee kan guddatte Aan, jaalattuu saala wal fakkaataa yoo taatu Baangkook Piraayid kan jedhamu waayillan ishee waliin tahuun hundeessitee, mirga LGBTQ+'f falmaa turan.
Yeroo fincila Taayilaandi bara 2020 keessa, Adda Bilisa Baasaa Dubartootaa kan jedhamu irratti deeggartuu dimokiraasii tahuun adda durummaan socho'aa turte. Kanaaf ammoo himata siyaasaa sadde tahutu ishee irratti dhiyaate.
Falmituu mirga dubartootaa
Saawudii keessatti sirna dubartoonni dhiira malee akka hin sochoone godhu akka dhaabbatu miidiyaa hawaasaa irratti duula geggeessiti ture.
Qondaalotaan gaaffiif waamamuun booda garuu biyyaa baqachuuf murteessite.
Obboleettiinshee Maanaahel al-Otaayibiinis falmituu mirga dubartootaa yoo taatu qabamtee hidhaan waggaa 11 irratti murameera. Hidhaan irratti murtaa'es haala uffannaafi ilaalcha isheen miidiyaa hawaasaa irratti ibsituuni jedhan gareeleen mirga namaaf falman.
Al-Otaayibiin obboleettiinshee akka gadhiifamtuu abdii kutannaa tokko malee duula geggeessa turte. Tarkaanfiin yeroo dhihootti Saa'udiitti namoota yaada mormii dhageessisan irratti geggeefame kanneen yaada isaanii onlaayinii irratti ibsatan hidhaa buuseera.
Gorsituu dhimma xiinsammuu
Ogeettiin xiinsammuu maqaanshee guutuun nageenyasheef jecha hin eeramne lammiilee Siiriyaa lola waggaa baayyeen eela qaban deeggarti.
Lolli waliinii biyyattii lammiilee Siiriyaa kuma dhibbaan lakkaa'aman fixeera. Boodas, haala jireenyaa rakkisaa taasisuun dabalataan dhibee sammuu kanneen akka dhiphinaafi muka'uu dhiisee darbe.
Kiliinika fayyaa sammuu dhaabbata International Rescue Committee keessa otoo hojjettuu Saamiyaan namoota buqqa'aniifi kaampii kaaba-baha Siiriyaa keessa jiraniif tajaajila gorsaa kenniti.
Hanqinni dhiyeessi jiraatullee fayyaa dhukkubsattoota fooyyeessuu irratti kennamaan hojjetti. Kana malees haala waraanaa keessatti waa'ee fayyaa sammuu hubannoo uumti.
Hakiima daa'immanii
Haleellaa fi haqinni dhiyeessii Shireen Abeedidhaan daa'imman Gaazaatti reef dhalataniif dhimmamuurraa boodatti ishee hin deebisne.
Yeroo waraanni Israa'el Gaazaa 2023 jalqabu ture yeroo gamoon keessa jiraatti barbadaa'e kan achii buqqaate. Haa tahu malee daa'imman kaampii dhihootti reef dhalataniifi gargaaruu itti fufte.
Hospitaala kutaa ijoollee Gaazaa keessatti muuxannoo yeroo dheeraa qabaachuu akkasumas dhihoo kana wiirtuu fayyaa Al-Shifaa keessatti daarektara taatee hojjechuu bu'uura gochuun qajeelfama ogeeyyii fayyaa haala rakkisaa keessattii wal'aansa lubbuu baraaruu kennuuf isaan dandeessisu qopheessuun hakiimota biroo leenjisti.
Haalli Gaazaa keessa jiru ijoolleeshee dubaraa lama wajjin achi akka baatu ishee dirqamsiise. Haa tahu malee Abeed hakiimota achi fageenyaa deeggaruu itti fufte.
Carraa hojii uumuu itti fufinsa qabu
Shilshilaa Achaariyaa Neeppaal keessatti dhaabbata pilaastikii irra deebiin akak hojiirra oolu godhu gaggeessiti. Dhaabbanni ishee balfa deebisee tajaajilaaf oolchuu irratti hojjetu Avinii Venchersi hawwaasa qoolliffatameef carraa hojii kenna, keessumaa dubartoota damee magariisummaa keessatti bal'inaan hammachuuf.
Achariyaan duula 'No Thanks, I carry My Own Bag' jedhu duula itti fayyadama pilaastikaa mormuuf bahame bara 2014tti gaggeesiteetti.
Dabalataan wagga waggaan balfa gaara Himaaliyaa irratti daawwattootaan gatamu qulqulleessisuun beekamti.
Hojii ishee kanaan balfi gariin isaa irra deebi'amee hojjetamuu akka dubartoonni ogummaa hojii harkaa qaban qembee, handaqii fi faaya kaan hojjetaniif gargaareera.
Injinara qonnaa
Sababa waraanaa Gaazaa keesstti bishaan dhugaatii dhibnaan Inaas Al-Gaahuul furmaata fiduun qaba jette.
Injinariin qonnaa meeshaalee haaromfamuu danda'an kanneen akka mukaa, daawwitii fi laastikii fayyadamuun meeshaa bishaan dhiqaa/xurii gara bishaan dhugamuttii jijjiiru tolchite.
Onkololeessa 2023 irraa qabee bishaan qulqulluu fi bu'uuraleen misoomaa waan barbada'aniif meeshaan kuni kanneen dahoo Kahaan Yuunis, Kibba Gaazaa keessa jiraataniif bu'uura jireenyaa taheeraafi.
Dandeettiishee fayyadamuun lammiilee Filisxeem buqqa'an gargaaruuf kutateetti. Al-Gahuul gomjii soolaaraa tolchiteetti. Miyoota deebistee faayidaarra oolchuun firaashiifi korojoo faa tolchiti.
Hakiima Gadameessaa
Bara darbe yeroo hospitaala Sudaan cinatti waraanni hamaan banamu, Dr Saafaa Alii waayillan ishee waliin hospitaalicha gadhiisaa bahaa jedhamanis ni dide, kun osoo hospitaalichi haleelamuuti.
Gorsituun yaala gadameessaa fi ogeettiin yaala gadameessaa kun yeroo waraanni mootummaa fi loltoonni RSF wal waraanan, dubartoonni ulfaa fi kanneen tajaajila tolaa kennan akka gara bakka nagaa qabeessatti bahan gargaarte,
Amma Hospitaala Haadholii Al- Sawudii jedhamutti, tajaajila baqaqsanii yaaluu gochuun dubartoota sababa waraanaan miidhaa keessa jiran gargaarti.
Akkasumas hanqina ogeessota fayyaa yaala gadameessaa furuuf dubartoota 20 haaraa ogummichaan eebbifamaniif leenjii dabalataa kennaa jirti.
Diddaa dubartootaan fayyinni, haqnii fi yeroon sodaa malee jiraannu akka dhufu nan amana. Cimina isaaniitu ammayyuu dukkana keessa tahuun akka abdiin jiru kan na yaadachiisu.
Saafaa Alii
Narsii fi hundeessituu mana barumsaa
Kaaba Baangilaadesh iddoo fageenyarra jiru bakka Riiktaa Akter jiraattu keessatti daa'ima ootizimii qabu qabaachuun akka abaarsaatti ilaalama.
Yeroo intalli ishee ootizimii fi dhibee guddina sammuu serebiraal palsii jedhamu qabdu,mana barumsa galuuf yoo galmeef geessitu ishee didan. Yeroo kana lafa qabdu gurguruun mana barumsaa mataa ishee ijaarte.
Mana Barumsaa Hanqina Barachuu Riktaa Akter jedhamu banuun amma barattoota rakkoo akkasii qaban 300 barsiisaa jira. Ilaalacha hawwaasaa fi qaama miidhamtootaa irrattis dhiibbaa gaarii fiddeetti.
Manni barumsichaa jalqaba barattoota ootizimii qaban ykn barachuuf hanqina qabaniif banamus amma barattoota miidhama qaamaa adda addaa fi sammuu qaban kaaniis bakkatti baratan taheera.
Ogeettii eegumsa lubbu qabeeyyii
Akka nama saala ishee dhiira irraa dubartiitti jijjiiratte tokkootti hayyuun baayoloojii kun, lubbu qabeenyyii fi maalummaa saala isaanii gidduu walitti dhufeenya jiru qoratti.
Leensii addaa fayyadamtee haala teessuma lafaa fi lubbu qabeeyyii qorachuun haala itti eegumsi gahaan godhamuuf irratti hojjetti. Bara 2018 yeroo TEDx irratti dubbattu, muka Kolombiyaatti beekamu Kuundiyoo jedhamu fakkeenya fayyadamte. Muka biyyaalessaa Kolomiyaa saala isaa kormaa irraa gara dhalaatti jijjiiramedha jedhama.
Baaptisteen Inistiyuutii Aleekaander Von Humbooldit keessatti waggoota 10 tahaniif daariktera turte. Amma yuunvarsiitii carraa hojii uumuu barsiisuun beekamu Bogotaa jiru Yuunvarsidaad EAN jedhamutti pirezdaantiidha.
LGBTQ+ Dhaabbilee barnoota olaanoo baay'inaan akka galaniif deeggarsa maallaqaa argachuuf duula gochaa turte.
Dizaayinera saayinsii DIY
Lammii Eertiraa fi UK yoo taatu Sudaan keessatti dhalatte. Landanitti guddatte. Maatii ishee keessaa nama jalqabaa yuunvarsiiti gale yoo taatu haala guddisa daa'immanii varatte.
Hundeessituu Anbessaa Pilaay jedhamuti. Meeshaalee barnootaa ijoolleef tahan diizaayin godha. Akkasumas diizaayinii meeshaalee tapha ijoollee akka hojjetan jajjabeessa.
Hojiin ishee kun daa'imman adunyaa irraa caraa barnootaa hin arganne karaa taphaa kana akka carraa barnoota waa uumu argatan gargaara. Bara 2019 yeroo daa'imman Itoophiyaa fi Eertiraa qe'ee irraa buqqa'an barsiiftu yaadnu kun dhufeefii jennaan jalqabde.
Hojiin kalaqaa ishee kun barruu Forbes tarree namoota 30 dhiibbaa uuman keessati hammate keessa akka galtu ishee taasiseera.
Cichoominni ofitti amanamummaa gochaan jechuudha- Jaalala irra dhaabbatte fuulduree gaarii taheef kutannoon hojjechuudha.
Saaraa Berkaanii
Qonnaan bultuufi leenjistuu
Barsiistuu haala qonnaa tahuun Naa'omii Chaandaa hawaasashee dacheef kabajaafi eegumsa kennuun qonna akka dalagan barsiifti.
Dandeettiiwwan haala qilleensaa gidduugala godhatan irratti xiyyeeffatti. Jalliisii bishaan xiqqaa fayyadamuufi gosa sanyii yeroo muraasatti gegeeddarmuun biqilu - kanas dubartoota wiirtuu gochuun jijiirama haala qilleensaaf furmaata fiduu irratti hojjetti.
Barnoota dubartootaan dhaabbanni miti-mootummaa Camfed, Chanda dubartoota 150 Zaambiyaa keessatti mala qonnaa yeroo haalli qilleensaa jijjiramuun hongeefi qonnaan bultoota irratti miidhaa jabaa fidu akka dandamatan taasisu barsiisuun gargaareera.
Keemikaal Baayoloojistii
Ogummaa fayyisuu akkoo isheen kan onnatte Roozaa Vaasqeweez beekumsa aadaa argattee fi saayinsi walitti fiduun eegumsa baayoodaayiversiitii naannoo Peeruu Amaazoon keessaaf itti fayyadamteetti.
Akka hundeessituu dhaabbata qorannoo Amaazoon Riiserch Internaashinaalitti, bosonicha keessaa bakkeewwan hin argamne bira gahuuf hawwaasa naannichaa waliin hojjetti.
Dachee kanarraa iddoowwan fagoo jedhamnitti imaluu kan beekamti saayintistiin kun laga Amaazoon beekamaa Booyiliingi keessatti baakteeriyaa haaraas argatteetti. Isa fayyadamtees qorannoo keemikaalaa damma daamuu Peeruu keessatti qorichummaaf oolu hojjetteetti.
Akkasumas ambaasadara idil-adunyaa uummata Ashaniinkaati. Ameerikaa Kibbaa keessatti hawwaasa ganamaa isa bal'aadha.
Carraa Hojii uumuu Teeknloojii
Barsiiftuun fayyaa qaama wal hormaataa Nuur, marsaa laguu, fayyaa wal hormaataa fi hubannaa saal-qunnamtii irratti dubartoota Baha Gidduugaleessaa fi Afrikaa Kaabaa akka saalfiitti ilaalan barsiifti.
Hundeessituu fi Hojii Gaggeessituu Maazerbiingi kaampaanii dubartootaan gaggeeffamuu fi keessa hojjetan Kaayiroo keessatti tajaajila fayyaa teeknoolojiin deeggarame dubartootaaf kenna.
Dubartoota waa'ee qaamaisaanii hubannaa kennuun beekumsaan humneessuu barbaaddi. Wantoota kana dura akka qaaniitti ilaalaman dabalatee waa'ee ulfa ittisuu fi kaan irratti akka odeeffannoo argatan gooti.
Baayookemistiin Hnagarii kun qorannoo murteessaan RNA [mRNA] irratti taasifte talaallii BioNTech/Pfiezer and Moderna argatan hojjechuuf hedduu gumaacheera.
Yeroo dhibee adunyaaf yaaddoo guddaa tahe mudatetti qorannoo isheen gaggeesite ''talaaliin akka qophaa'uuf waan gargaareef'' waayila ishee [Diriiw Weesmaan] waliin badhaasa Noobelii akka injifattus ishee gargaareera.
mRNA, wanta qaccee anamaa ykn DBA gara pirootiniitti jijjiiru yoo tahu, baay'ee waan caccabu waan taheef ittiin hojjechuuf rakkisaa ture. Kaariikoon garuu yaala keessatti gahee guddaa akka qabu amansiisfte.
Teeknoolooji kun weeraraan dura yaalii irra kan ture yoo tahu, amma adunyaa irratti kovid akka ittiin ofirraa ittisaniif namoota miliyoonotaaf kennameera.
Waan hojjechuu dandeessu irratti xiyyeeffachuun yeroo hundumaa galma kee bira gahuuf hojjedhu. Yoo kufte irraa baradhu. Achii ka'iimmoo kaka'umsa wal fakkaataan gara galmakeetti qajeeli.
Kaataaliin Kaariikoo
Pirogiraamerii fi saayintisitii daataa
Afaan kan hiikkatte afaan Nahuatl jedhamuuni. Afaanota Google hiiku kaan keessa hin jiru. Hanga gabri'eellaan dhimma kana irratti hojjechuu jalqabdutti.
Hayyuun kompiteraa kun kaampaanii guddicha teeknoloojii kana wlaiin tahuun akka faanichi sirna kana keessa galu goote. Afaan ganamaa Meksiikoo kun akka Google Translate keessa galu taasifteetti. Jalqaba bara kanaatti Google Translate irra gale.
Hojiin Saalaas humna dandeettii nam-tolchee fayyadamuun afaan hawaasa dagatamee akka bakka argatu taasiseera, akkasumas dubartoonni hawwaasa ganamaa kaampaanota teeknoloojii gurguddaa keessa akka jiraatan taasifteetti.
Barnoota ishee ispeeshaalaayiz kan goote sagantaa kompiteraa wantoota irratti xiyyeefat fi dandeettii nam-tolchee AI irrattidha, Ispeen magaalaa Maadiriid, Yuuniversaadad Politenikaatti ammoo daataa saayinsii barataa jirti.
Cichoominni dubartii arraba abiddaa hin dhaamnedha, miidhama ishee kaayyootti kan jijjiirtuu fi warra ishee duukaa bu'aniif ammoo kan ibsitudha.
Gabri'eellaa Saalaas Kabreeraa
Saayintistii Kompiiteraa
Yerootti teeknooloojiin dandeettii nam-tolchee akkaan guddataa deemaa jirutti, waa'een ashaaraa kaarbonii dagatamaa dhufeera.
Saayintistii beekamtuu Saashaa meeshaa namonni kalaqaa yeroo koodii isaanii hojjetanii yeroo miliyyon a1.3 tahuuf buufamu, hamma kaarbonii qilleensatti gadhiifamuu ittiin safaran
Dhaabbata Hugging Face jedhamu keessatti haala jijjiirama qilleensaa irratti kan hojjettu yoo tahu, modela AI ''barnoota maashinii gaarii dimokiratessuu'' jedhu irrattis hojjetti.
Xiyyeeffannoon ishee itti fufinsa AI fooyyessuu yoo tahu, 'sirna safartuu aannisaa' kan dhaabbileen AI fayydaman hojjechuudha, kun ammoo dhiibbaa inni jijjiirama qilleensaa irratti qabu safaruuf oola.
To'attuu qabiyyee fi hoggantuu gamtaa
Kaawunaa Maalguwiin rogeettii hojjettoota teeknolojii fi hubannoo nam-tolcheeti. Ogeettiin xiinsammuu Naayijeeriyaa Gamataa Ogeessota Qabiyyee To'atanii hogganti. Kanaanis dafqa hojjettootaa sirna hubannoo nam-tolchee leenjisuuf bahu garummaa hin mul'anneef falmiti.
Kanaan dura Feesbuukiidhaaf qabiyyee to'achuun hojjetti ture. Viidiyoowwan gudeeddii, of ajjeesuufi miidhaa daa'imaaf saaxilamaa akka turteefi sababa kanaan hirriba dhabaafi sodaa keessa akka seente himti.
To'attoota qabiyyee 184 kanaan dura Feesbuukii himatan keessaati. Kaampaaniin haadhoo Feesbuuk Meetaan seeraan ala nama arii'uun erga saaxilameen booda himannaan kan irratti dhiyaate.
Mirga warreen qabiyyee to'ataniif falmuunis Paarlaamaa Awurooppaatti ragaa baateetti.
Dubartoonni ilaalcha guutuu teeknolojiifi fayyaa sammuuf gatii kennu fiduun haala qabatamaa jiru morkachuufi jijjiiruu danda'u.
Kaawunaa Maalguwii
Qonnaan bultuu
Yeroo abbaanshee bara 2015tti du'u Olgaa Oleefireenkoon abjuusaa milkeessuu barbaaddee loon bituun hojjechuu jalqabde. Sababa hanqaina maallaqaan garuu horii hunda gurguruuf durqamte.
Haa tahu malee abjuu abbashee itti dhiisuu hin barbaanne ture. Abbaanshee Donbaasitti komaandara humna galaanaa tahee otoo hojjetuuti ajjeefame.
Bara darbe karoora daldalaa baastee maallaqa Gootota Yukireen irraa maallaqa gaafachuun milkoofte.
Oleefireenkoon amma deebitee hojii qonnaa jalqabdeetti. Mala ammayyaa fayyadamuun hawaasa naannoof hojii uumuu deeggaraa jirti. Namoonni naannoos akka nama isaan dammaqsutti ishee ilaalu.
Hundeessituu, Istaar Kiraasher Kilab
Yeroo Suubin Paarki Kooriyaa Kibbaa Seehul keessaa Wiil Cheeriidhaan iddoo adda adda deemuu barbaadde isheef mijataa miti, dandeettii IT qabduu fi hoggantuu pirojektii tokko tahuun isa hojjetaa turte fayyadamuun rakkinicha agarsiisuu barbaadde.
Paarki hundeessituu dhaabbata miti mootummaa, Istaar Kiraasher Kilaba yoo taatu, odeeffannoo daandilee Kooriyaa Kibbaa keessaa qaama miidhamtoota wilcheeriin deemaniif mijataa hin taane sassaabdi.
Kaayyoon pirojeektichaa ammoo namoonni akkasii kaartaa akkamii fayyadamuu akka qaban agasiisuufi.
Hanga ammaatti namoonni 2,000 tahan karaa Istaar Kiraasher Kilab odeeffannoo isaanii qoodaniiru, bakkeewwan 14,000 tahanis biyyattii keessaa qaama miidhamtoota wiilcheeriin deemaniif akka banaman tahaniiru.
Ogeettii Dandeettii Nam0tolchee
Umurii ishee waggaa 20ttiyyuu waan hedduu hojjetteetti. Hundeessituu Inkood Jastis yoo taatu, biyyoota 30 keessaa miseensota 1,300 qaba. Sochii dargaggoota adunyaa dandeettii nam-tolchee haqa qabeessaa fi nagaa tahe dargaggoota akka gahu jajjabeessudha.
Yaaddoo teeknoloojiin ammayyaa fidaa jiru dura dhaabbachuu irratti hojjetti.
Staanfoordi Yuunvarsiitiitti barumsa irra kan jirtu yeroo gannaa ammoo Senter for AI ende Dijital Poolisii jedhutti baratti.
Damee AI'dhaan dhiyeenya namoota dhiibbaa uuman Taayimsi filate 100 keessa dargaggeettii jirtudha.
Warraaqsa AI osoo hin gufachiisiin isa dursuun rakkoo inni fiduu malu dura dhaabbachuuf carraa qabna. Anaaf cichoomminni isa kanadha. Isa darberra tarkaanfachuun isa duulduraa arguu.
Isnehaa Revanuur
Hundeessituu Suuper Hiyuumansi Senter
Weerara Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte hordofee Oolgaan waa gochuu akak qabdu amante. Warre waraana keessatti madaa'an gargaaruu.
Namoonni waraana irratti qaama isaanii dhaban akka miidhamtootaatti ilaalamu. Isheef garuu isaan nama addaa Suupper Hiyuuman akka tahanitti ilaalti. Gargaarsi kamiyyuu isaaniif mala.
Magaalaa Liviiv keessatti dhaabbata Suuper Hiyuumsi hundeessuun gaggeessaa jirti. Gidduugala kana keessatti qaamni nam-tolcheen kan isaaniif kennamu yoo tahu dabalataan bakkatti haaromsa fudhatanis qaba.
Yeroo oppireeshinii wagga alamaa keessatti namoonni gara 1,000 olii gidduugala kana irraa fayyadamaniiru.
Cichoominni ganama ganama yeroo kaatu sagalee akeekkachiiftuu waraanaa osoo dhageessuu biyyakeef dhaabattee loluudha. Maaliif akka uumamte yerootti of argattudha. Keessakeetti maaliif nurratti tahe jechuurra karaatti ana caalaa hojjettu of keessatti argatta.
Oolgaa Ruudniivaa
Baayoloojistii
Silvaanaa Saantos baayoloojistii beekamtuudha. Daandii jiraattu irratti maatii dhukkuba hin beekaeen qabaman argite. Arannoon waa'ee qaccee sanyii namaa ammoo kan ittiin beekamtudha.
Sana booda dhibee SPOAN [Spastic Paraplegia, optic atrophy fi neuropaty] dhibee baay'ee hin beekamneefi narvii waliin wal qabatu argatte. Dhibeen kun Kaaba Baha Biraazil keessatti qaama namaa laamshessaa ture.
Qorannoo ishee magaalaa Serinhaa do Piintos keessatti jalqabdee waggaa 20 booda, jiraattota naannichaa dhibee kanaan hubaman akka yaala argatan gargaarte.
Dhibee qaccee sanyii namaa waliin wal qabatan hedduu hin beekamne fi naannoo harka qalleeyyii baadiyaa Biraazil keessatti hariiroo gaa'ila keessattillee qaban qoratte.
Humna cichoominaa akkamiin ibsina? Jireenyi marsaa tahuu isaa dhugoomfachuudhaani. Goginsa hamaa keessatti, ooluu dandeenya. Waktii roobaa daraaruun ija godhanna.
Silvaanaa Saantos
Falmaa Jijjiirama Qilleensaa
Jijjirama qilleeensaaf kan falmitu Adenikeen hundeessituu dhaabbata 'I Lead Action' jedhamuuti.-Dargaggootaa fi dubartoonni kan waliin jijjiirama qilleensaaf falmanidha.
Faalama naannoo Haroo Chaad kan daangaa Naayijeeriyaa, Niijer, Chaadii fi kaameeruun gidduutti argamu miidhaa jiru irratti uummataaf hubannaa uumuuf hojjetti.
Hojiin Oladosuu dhimmoota Hawwaasummaa fi naannoo irratti xiyyeeffata. Keessumaa naannoo gammoojjummaan hammaatu keessatti hanqinni nyaataa akka hin mudanneef dubartoota hojii qonnaa irratti barsiifti.
Bara 2019 jalqabdee konfiraansii 'Jijjiirama Qilleensaa UN' irratti hirmaachaa kan turte, warri imaamata baasu akka dursa jijjiirama qilleensaaf kennuf hubachiisa aturte.
Dhimmi jijjiirama qilleensaa dhimma cichoominaati, mo'achuu irraa kan hafe filannoo biraa nuuf hin kennu. Rakkoo kana keessaa ooluuf, teeknoloojii fi kalaqa irratti invasti gochuu nu gaafata.
Adenikee Titilope Olaadosuu
Astiroonoomerii
Yeroo astiroonomerri naasaa Suunitaa Wiiliyaamsi gaafa Waxabajji 5 darbe xiyyaar-samii Boeing Starliner seentu, ergama guyyaa saddetiif gara Buufata Hawwaa Idi-adunyaa akka deemtu amanti ture.
Garuu sababa rakkoo teeknokaaf Wiiliyaamsii fi waayilli ishee Baarii Wiilmoor hanga Guraandhala bara 2025ttii gara lafaatti akka hin deebine itti himame.
Wiiliyaamsi, paayileetiin xiyyaara waraana galaanarraa fi dubartii hawwaa irra deemte tahuun rikardii qabattee kan turte yoo tahu, hawaa keessa maraatoonii fiiguun nama jalqabaa kan taate bara 2007 ture.
Maatii fi hiriyyoot ishee irraa KM 400 lafarraa achii ol fagaattee kan jirtu Wiiliyaamsi, turtii hawwaa keessaa cichoomina guddaan dabarsite, xiyyaar-samii keessa turtes ''bakka gammachuukoo'' jechuun ibsite.
BBC 100 Women wagga waggaan dubartoota 100 dhiibbbaa uumaniifi seenaa kaka'umsa tahu qabaniif beekamtii kenna. Kanaafis dokimantarii, af-gaaffii, keewwataa fi odeessa - dubartoota wiirtuu godhate waltajjii BBC mara irratti maxxanfama.
BBC 100 Women Instaagiraamiifi Feesbuukii irratti hordofaa. #BB100Women fayyadamuun marii keenyatti makamaa.
Tuutni BBC 100 Women calallii kan rawwachaa ture qorannoo fi Tajaajila Afaanota Addunyaa BBC 41 olii akkasumas BBC Miidiyaa Akshiin irraa tarree maqaa kennameeni.
Baatii 12 darbe keessa kaadhimamtoota mata duree oduu tahaniifi seenaan isaanii dhiibbaa uume akkasumas, mata duree oduu tahuu baatanillee kanneen seenaa waan gaarii hojjeechuuf nama kakaasu qaban barbaadaa turre.
Filannoo dubartoota kunneeni ergaa bara kanaa 'dandamachuu' jedhu wajjinis wal-madaalchifneerra. Dubartoota guutuu addunyaa rakkoo dandamatanii keessa darbuun jijjiiramaafi jireenya hawaasaa fi addunyaa fooyyeessuuf dhiibbaa godhaniif beekamtii kennuu barbaadne. Kana malees dubartoota jijjiirama haala qilleensaa irratti hojjetan qo'achuunis damee kanaan warreen yaada haaraa fiduun hoggantummaa agarsiisan filanne.
Sagalee dubartoota siyaasaafi hawaasa garaagaraa bakka buusneerra. Kanneen mata dureewwan ilaalacha wal-qoodaa qabanis dabaleerra.
Dubartoonni kunneen filatamuun dura bakka buutummaa biyya, biyyaafi qixxummaa tilmaama keessa galchuuni dha. Dubartoonni hundi seenaan isaanii asirra akka bahu eeyyama kennaniiru.
Tuuta qopheessitoota sagantaa BBC 100 Women Vaaleriyaa Peraasoo, Naataaliyaa Piyaanzoolaa, Maariyaa Zakkaaroo, Rebeekaa Toorn, Laaraa Oween, Naataashaa Fernaandees, Niyaam Hiyuus, Shaaniyaa Oppeenhaayimeer, Saaraa Tiyaamiyuu fi Rubaaba Baatuul
Deeggartoota qophii dabalataa: Vaandaanaa Vijaay, Kaatriinaa Kaahinkuloovaa, Maariyaam Amaan, Veeraa Kaawookofii, Moonaa Baa,Rupaa Jihaa, Juuliyaan El-haajii,Maark Shee, Kiriis Kileeyitoon, Yunaa Kuu, Isaariyaa Piraayitoongiyeem, Poolaa Adaamoo Idooyetaa, Laawuraa Giraasiyaa, Aanaa Paayis, Zihaanaa Beezpiyaachaak, Zilaataa Onuufireevaa, Beerzaa Siimseek, Farihaat Jaaveed, Anaastaaziyaa Sorookaa, Taayis Karaankaa, Seelestiin Kaaroonii, Shaahneewaaz Rookii, Kaahaayirullaa Ubaayiduleev, Abdiibeek Kaazeev, Kaatirinaa Tsee, Siilviyaa Chaang, Laawuraa Biikara, Ayii Tuu Saan, Buuyi Tuu, Doo Haang, Faarzaad Seeyifkaaraan
Gulaaltuu BBC 100 Women Golnuush Golshaanii
Gulaaltuu Olaanaa Kileeree Wiiliyaamsi
Gulaaltuu Komishiniingi Fiyoonaa Kiraak
Qophii Tajaajila Afaanota Addunyaa Raafaa'eel Chaakoon, Piip Jooy fi Kaarool Olonaa
Saxaxa Liilii Huuyihin, Priinaa Shaah, Jeenii Loow, Maat Toomas,Pooliin Wiilsan fi Pireetii Vaaheelaa.
Abbeentaa suuraa: Getty Images, Lauren Hurley/No. 10 Downing Street, Tracey Emin, Yoshimoto Entertainment, United World Wrestling, Stephanie King, Derrick Evans, Asta Kristjans, Shahnewaz Rocky, Annette Hornischer, Farhio Mohamed Hussein, Billsatya, Mohanad Elhussein, Mataara Stokes, Joe O'Shaughnessy, Tapas Mallick, @KuchuTimes, Melanoma Institute Australia, Christopher Michel, LeYa, M. Sven Torfinn, Mundele Badimubungi Alain, USA Archery, Daryna Lavrenko, Ko Oo, Alix McIntosh, Steve Gerrard, Kellys Portillo, Bangkok Pride, Mariana Castiñeiras, Diaspora Arts Connection, Acción Interna, Juan Pablo Orellana, Jean Francois Carly for Kathrine Hamnett/Samsung Global series, Paige Censale/Haitian Bridge Alliance, Gonzalo Marroquín, Raj Kumar Shrestha, Ravshan Musaev, HK studio, Lisa Palomino, Harold Levine, Media Wales, Nensi Ragab, Alexandre Nunis, Manon Obel/Clandestina, Hila Shiloni/Women of the Wall, Felix Speller/Design Museum, Kazım Kızıl, Hugo Mathy, Dmitry Aychuvakov, Ula Osman, Naver Sports, NASA, Peter Giodano, Yero Adugna, Jumadyl Tokkojoev, Marco Conti Sikic, François Barrère, Social Fund for Development, Membley Studios, Greg C. Holland, Ben Cohen, Hagar Bader/Laba Impact House, Keiko Atsuta, Doan Duc Thang, nominees’ own.